1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Haaruunii fi ilmaan isaa, uffata isaanii, zayitii ittiin diban, dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamu, korbeeyyii hoolaa lamaa fi gundoo maxinoo baatu fidi; 3 waldaa hundas balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabi." 4 Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe; waldaan hundis balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabame.
5 Muusaanis waldaa sanaan, "Wanni Rabbii Allaahan akka hojjetamu ajaje kana" jedhe. 6 Ergasiis Muusaan Haaruunii fi ilmaan isaa gara fuula duraatti fidee bishaaniin isaan dhiqe. 7 Innis Haaruunitti kittaa uffisee sabbataan hidheef; wandaboos itti uffisee isa irratti dirata dabaleef; dirata sanas sabbata ogummaadhaan hojjetameen hidheef. 8 Kiisii qomaa itti kaaʼee kiisii sana keessa immoo Uriimii fi Tumiimii kaaʼe. 9 Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti mataa Haaruunitti marata mare; marata sana irrattis karaa fuula duraatiin faaya warqee kan gonfoo qulqulluu tolche.
10 Ergasii Muusaan zayitii ittiin diban fuudhee dunkaana qulqulluu fi waan achi keessa jiru hunda dibee qulqulleesse. 11 Zayitii sana irraas fuudhee iddoo aarsaa irratti yeroo torba facaase; akka isaan qulqulleessuufis iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda akkasumas gabatee itti dhiqatan miilla isaa wajjin zayitii dibe. 12 Zayitii ittiin diban irraas fuudhee mataa Haaruun irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe. 13 Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti ilmaan Haaruun gara fuula duraatti baasee kittaa itti uffise; sabbata hidheefii gonfoo mataa isaaniitti kaaʼe.
14 Ergasii immoo aarsaa cubbuutiif dibicha dhiʼeesse; Haaruunii fi ilmaan isaas mataa dibicha sanaa irra harka isaanii kaaʼan. 15 Muusaanis dibicha sana qalee dhiiga fuudhee iddoo aarsaa qulqulleessuuf quba isaatiin gaanfa iddoo aarsaa hunda dibe; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti gad naqe. Araara isaaf buusuufis iddoo aarsaa sana qulqulleesse. 16 Akkasumas moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti gube. 17 Dibicha sana, gogaa isaa, foon isaatii fi cumaa isaa garuu akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti qubata keessaa gad baasee gube.
18 Ergasii immoo aarsaa gubamuuf korbeessa hoolaa dhiʼeesse; Haaruunii fi ilmaan isaas mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan. 19 Muusaan immoo korbeessa hoolaa sana qalee dhiiga isaa iddoo aarsaatti gama hundaan facaase. 20 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutee mataa, buʼaa fi cooma isaa gube. 21 Innis miʼa garaatii fi luka bishaaniin dhiqee korbeessa hoolaa sana guutuu iddoo aarsaa irratti gube. Kunis aarsaa gubamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamee dha.
22 Innis ergasii korbeessa hoolaa kaan jechuunis hoolaa ittiin muudan sana dhiʼeesse; Haaruunii fi ilmaan isaa immoo mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan. 23 Muusaanis hoolaa sana qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra Haaruun mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa dibe. 24 Ilmaan Haaruunis gara fuula duraatti baasee dhiiga fuudhee fiixee gurra isaanii mirgaa, quba abbuudduu harka isaanii mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaanii mirgaa ittiin tuqe. Ergasiis dhiiga sana iddoo aarsaatti gama hundaan facaase. 25 Innis cooma, duboo, moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii, tafa mirgaa fuudhe. 26 Ergasiis gundoo maxinoo baatu kan fuula Rabbii Allaah dura ture sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhe; waan kanas cooma sanaa fi tafa mirgaa irra kaaʼe. 27 Innis wantoota kanneen hunda harka Haaruunii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼee aarsaa sochoofamu godhee fuula Rabbii Allaah duratti sochoose. 28 Muusaanis wantoota kanneen harka isaaniitii fuudhee aarsaa ittiin luba taʼan kan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa godhee iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu gubbaatti gube. 29 Muusaanis handaraafa fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Rabbii Allaah duratti sochoose; kunis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti qooda Muusaan korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan irraa argatuu dha.
30 Ergasiis Muusaan zayitii ittiin dibanii fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa fuudhee Haaruunii fi uffata isaatti, ilmaan isaattii fi uffata isaaniitti facaase; akkasiinis Haaruunii fi uffata isaa, ilmaan isaatii fi uffata isaanii qulqulleesse.
31 Muusaanis Haaruunii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe; "Foon sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti affeellaa; akkuma ani ‘Haaruunii fi ilmaan isaa haa nyaatan’ jedhee ajajetti foon sana buddeena gundoo aarsaan ittiin luboota taʼan keessa kaaʼamu sana keessa jiru wajjin achumatti nyaadhaa. 32 Foonii fi buddeena hafu immoo ibiddaan gubaa. 33 Sababii luba taʼuun keessan bultii torba fudhatuuf hamma yeroon luba taʼuu keessanii raawwatutti bultii torba balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa. 34 Waan harʼa hojjetame kana Rabbii Allaahatu araara isinii buusuuf akka hojjetamu ajaje. 35 Isin akka hin duuneef bultii torba halkanii fi guyyaa balbala dunkaana wal gaʼii dura turaatii waan Rabbii Allaahan isin irraa barbaadu hojjedhaa; wanni ani ajajame kanaatii."
36 Haaruunii fi ilmaan isaa waan Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin ajaje hunda hojjetan.