Publicidade

Levítico 3

Aarsaa Nagaa

1 " ‘Kennaan nama tokkoo yoo aarsaa nagaa taʼe, namichi sunis karra loonii keessaa horii tokko, korma yookaan dhalaa yoo dhiʼeesse, inni horii hirʼina hin qabne fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeessu. 2 Namichi sun mataa kennaa isaa irra harka isaa haa kaaʼu; balbala dunkaana wal gaʼii durattis haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Haaruun luboonni sun dhiiga horii sana iddoo aarsaa sanatti gama hundaan haa facaasan. 3 Innis aarsaa nagaa irraa aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu haa fidu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, 4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼa. 5 Ergasiis ilmaan Haaruun waan kana aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Rabbii Allaahatti tolu godhanii iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu kan qoraan bobaʼu irra jiru irratti haa guban.

6 " ‘Inni yoo bushaayee keessaa horii tokko akka aarsaa nagaatti Rabbii Allaahaf dhiʼeesse, korma yookaan dhalaa hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu. 7 Inni yoo xobbaallaa hoolaa dhiʼeesse, fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeessu. 8 Namichi sunis mataa kennaa isaa irra harka isaa kaaʼee balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Haaruun dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan. 9 Innis aarsaa nagaa sana irraa qalma ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu haa fidu; kunis cooma isaa, duboo isaa kan lafee dugdaatti dhiʼeeffamee kutame hunda, moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, 10 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi. 11 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; nyaanni kunis aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.

12 " ‘Yoo kennaan isaa reʼee taʼe, inni fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeessu. 13 Namichi sun mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Haaruun dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan. 14 Innis waan dhiʼeessu keessaa kennaa kana kennaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu godhee haa dhiʼeessu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, 15 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi. 16 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan dhiʼeeffamuu dha. Coomni hundinuu kan Rabbii Allaah ti.

17 " ‘Isin cooma tokko illee yookaan dhiiga tokko illee hin sooratinaa; wanni kun lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf jiru keessatti seera hin geeddaramnee dha.’ "

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-