1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersaa kan cuunfamee taliila taʼe siif fidaniif ijoollee Israaʼel ajaji. 3 Haaruunis ibsaawwan sana golgaa taabota kakuu seeraa kan dunkaana wal gaʼii keessa jiru sanaan alatti fuula Rabbii Allaah duratti galgalaa hamma ganamaatti ittuma fufee haa qopheessu. Kunis dhaloota keessaniif seera bara baraa haa taʼu. 4 Ibsaawwan baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetaman irra fuula Rabbii Allaah dura jiran sun ittuma fufanii qopheeffamuu qabu.
5 "Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu. 6 Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula Rabbii Allaah dura jiru irra toora lamaan kaaʼi. 7 Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi. 8 Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula Rabbii Allaah dura haa kaaʼamu. 9 Buddeenni kun qooda Haaruuniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan."
10 Namichi haati isaa gosa Israaʼelii fi abbaan isaa immoo nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼeloota gidduu baʼe; lollis qubata keessatti isaa fi Israaʼelicha tokko gidduutti kaʼe. 11 Ilmi dubartii Israaʼel sunis Maqaa Allaaha arrabse; ni abaares; kanaafuu Muusaatti isa fidan. Maqaan haadha namicha sanaas Sheloomiit jedhama; isheen immoo intala namicha gosa Daanii kan Dibraayi jedhamuu ti. 12 Isaanis hamma fedhiin Rabbii Allaah isaanii ifutti eegumsa jala isa tursan.
13 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe: 14 "Namicha Allaah arrabse sana qubata keessaa gad baasi. Warri isa dhagaʼan hundinuu harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; waldaan hundi immoo dhagaadhaan isa haa tumu. 15 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni kam iyyuu yoo Allaah isaa abaare inni cubbuu hojjeteef itti gaafatama; 16 namni Maqaa Rabbii Allaah arrabsu haa ajjeefamu. Waldaan hundi dhagaadhaan isa haa tumu. Alagaas taʼu dhalataan biyyaa yoo Maqaa Allaaha arrabse haa ajjeefamu.
17 " ‘Namni nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu. 18 Namni horii namaa ajjeese horii sana iddoo haa buusu. 19 Namni tokko yoo ollaa isaa miidhe, wanni inni nama sana godhe isa irrattis haa godhamu; 20 kunis qooda cabaa cabaa, qooda ijaa ija, qooda ilkaanii ilkaan jechuu dha. Innis akkuma nama miidhe sana isa irrattis haa godhamu. 21 Namni horii ajjeese horii sana iddoo haa buusu; namni nama ajjeese garuu haa ajjeefamu. 22 Alagaas taʼu dhalataa biyyaatiif seera tokkicha qabaadhaa. Ani Rabbii Allaah keessan.’ "
23 Muusaan waan kana Israaʼelootatti hime; isaanis namicha Allaah arrabse sana qubata keessaa gad baasanii dhagaadhaan tuman; Israaʼeloonni akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje godhan.