Publicidade

Levítico 9

Luboonni Tajaajila Isaanii Jalqaban

1 Muusaan bultii saddeettaffaatti Haaruun, ilmaan Haaruunii fi maanguddoota Israaʼel waame; 2 Haaruuniinis akkana jedhe; "Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko kanneen hirʼina hin qabne fuudhii fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeessi. 3 Ergasiis Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko, aarsaa gubamuuf immoo dibicha tokkoo fi korbeessa hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne, 4 aarsaa nagaatiif immoo sangaa tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko, kennaa midhaanii kan zayitiidhaan sukkuumame wajjin fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa gochuuf dhiʼeessi. Harʼa Rabbii Allaahan isinitti mulʼataatii.’ "

5 Isaanis waan Muusaan isaan ajaje sana fuula dunkaana wal gaʼii duratti fidan; waldaan hundinuus dhufee fuula Rabbii Allaah dura dhaabate. 6 Muusaanis, "Akka ulfinni Rabbii Allaah isinitti mulʼatuuf wanni Rabbii Allaahan akka isin gootan isin ajaje kana" jedhe.

7 Ergasii Muusaan Haaruuniin akkana jedhe; "Gara iddoo aarsaa kottuutii aarsaa cubbuu keetiitii fi aarsaa kee kan gubamu dhiʼeeffadhuutii ofii keetii fi sabaaf araara buusi; akkuma Rabbii Allaahan ajajettis aarsaa sabaa dhiʼeessiitii araara isaaniif buusi."

8 Haaruun gara iddoo aarsaa dhufee dibicha aarsaa kan sababii cubbuu isaatiif dhiʼaate sana qale. 9 Ilmaan isaas dhiiga isatti fidan; inni immoo dhiiga sana keessa quba isaa cuuphee gaanfawwan iddoo aarsaa dibe; dhiiga hafe immoo miiloo iddoo aarsaa jalatti dhangalaase. 10 Innis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti aarsaa cubbuu sana irraa moora, kaleewwanii fi haguuggii tiruu iddoo aarsaa irratti gube; 11 foonii fi gogaa isaa immoo qubata keessaa baasee gube.

12 Inni ergasii aarsaa gubamu qale. Ilmaan isaas dhiiga fidanii itti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase. 13 Isaanis aarsaa gubamu buʼaa buʼaadhaan, mataa wajjin isatti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gube. 14 Miʼa garaatii fi luka qalma sanaas dhiqee iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu gubbaatti gube.

15 Itti aansees Haaruun aarsaa sabaa dhiʼeesse; reʼee aarsaa cubbuu sabaatiif dhiʼeeffamu sana fuudhee qale; akkuma duraan hojjetettis aarsaa cubbuu godhee dhiʼeesse.

16 Innis aarsaa gubamu fidee akkuma ajajametti dhiʼeesse. 17 Kennaa midhaaniis fidee konyee tokko irraa fuudhee aarsaa ganama ganama gubamu irratti dabalee iddoo aarsaa irratti gube.

18 Haaruunis sangaa fi korbeessa hoolaa sana aarsaa nagaa kan sabaaf jedhamee dhiʼeeffamu godhee qale. Ilmaan isaa immoo dhiiga fidanii isatti kennan; innis dhiiga sana iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase. 19 Cooma sangaatii fi korbeessa hoolaa sanaa jechuunis duboo, moora miʼa garaa haguugu, kaleewwanii fi haguuggii tiruu, 20 handaraafota irra kaaʼan; Haaruunis cooma sana iddoo aarsaa irratti gube. 21 Haaruunis akkuma Muusaan isa ajajetti handaraafotaa fi tafa mirgaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Rabbii Allaah duratti sochoose.

22 Haaruun harka isaa sabatti balʼisee isaan eebbise. Erga aarsaa cubbuu, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddees gad buʼe.

23 Muusaa fi Haaruunis dunkaana wal gaʼii seenan; yommuu achii baʼanittis saba eebbisan; ulfinni Rabbii Allaahas saba hundatti mulʼate. 24 Ibiddis Rabbii Allaah biraa baʼee aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra ture sana fixe; sabni hundis waan kana argee ililche; adda isaatiinis gombifamee sagade.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-