1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Akka isaan maqaa koo qulqullicha hin xureessineef, akka isaan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni addaan baasanii naa fidan sana akka gaariitti eeganiif Haaruunii fi ilmaan isaatti himi. Ani Rabbii Allaah.
3 "Akkanas Isaaniin jedhi: ‘Dhaloota dhufu keessa yoo sanyii kee keessaa namni tokko illee utuu akka seeraatti hin qulqullaaʼin aarsaa Israaʼeloonni Rabbii Allaahaf addaan baasanitti dhiʼaate namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu. Ani Rabbii Allaah.
4 " ‘Sanyii Haaruun keessaa namni tokko yoo lamxii yookaan dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu qabaate inni hamma qulqullaaʼutti aarsaa qulqulluu sana hin nyaatin. Akkasumas yoo waan reeffaan xuraaʼe yookaan nama afeetaa saala isaa keessaa dangalaʼu tuqe, 5 yookaan yoo waan lafa irra looʼu kan isa xureessu yookaan nama isa xureessu kam iyyuu tuqe, xuraaʼummaa kam iyyuu taanaan, 6 namni waan akkasii kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Inni yoo dhagna isaa bishaaniin dhiqate malee aarsaa qulqulluu sana keessaa tokko illee hin nyaatin. 7 Inni yeroo aduun lixxutti ni qulqullaaʼa; ergasii immoo sababii wanni sun nyaata isaa taʼeef aarsaa qulqulluu sana nyaachuu dandaʼa. 8 Inni waan duʼee argame yookaan waan bineensi ciccire nyaachuudhaan of hin xurreessin. Ani Rabbii Allaah.
9 " ‘Luboonni akka ajaja koo tuffachuudhaan cubbuu hojjetanii hin duuneef ajaja koo haa eegan. Ani Rabbii Allaah isaan qulqulleessuu dha.
10 " ‘Namni maatii lubaa hin taʼin yookaan keessummaan lubaa yookaan namni lubichaaf qaxaramee hojjetu tokko illee aarsaa qulqulluu sana nyaachuu hin dandaʼu. 11 Garuu yoo lubni maallaqaan garbicha bitate, yookaan yoo garbichi mana isaatti dhalate, garbichi sun nyaata lubichaa nyaachuu dandaʼu. 12 Intalli lubaa yoo nama luba hin taʼinitti heerumte, isheen aarsaa qulqulluu sana irraa nyaachuu hin dandeessu. 13 Taʼus intalli lubaa yoo haadha hiyyeessaa taate yookaan dhirsaan wal hiiktee utuu ijoollee hin qabaatin akkuma yeroo ijoollummaa isheetti mana abbaa ishee jiraachuuf deebite, isheen nyaata abbaa ishee irraa nyaachuu ni dandeessi. Ormi garuu nyaachuu hin dandaʼu.
14 " ‘Namni yoo utuu hin beekin aarsaa qulqulluu tokko nyaate, inni waan sana iddoo buusee gatii waan sanaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee lubichaaf haa kennu. 15 Luboonnis aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Rabbii Allaahaf dhiʼeessan hin xureessin 16 yookaan akka sabni sun aarsaa qulqulluu sana nyaatu eeyyamuufiidhaan yakka gatii baasisu isaanitti hin fidin. Ani Rabbii Allaah isaan qulqulleessuu dha.’ "
17 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 18 "Haaruunitti, ilmaan isaattii fi Israaʼeloota hundatti akkana jedhii himi; ‘Yeroo saba Israaʼel keessaa namni tokko yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu aarsaa gubamu godhee wareega isaa yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu Rabbii Allaahaf dhiʼeessutti, 19 isin akka wanni sun fudhatama isiniif argatuuf loon, hoolota yookaan reʼoota keessaa korma hirʼina hin qabne tokko dhiʼeessuu qabdu. 20 Sababii inni isinii hin fudhatamneef waan hirʼina qabu kam iyyuu hin dhiʼeessinaa 21 Yeroo namni loon yookaan bushaayee keessaa wareega guuttachuuf aarsaa fedhiidhaan dhiʼeeffamu godhee aarsaa nagaa Rabbii Allaahaf dhiʼeessutti akka wanni sun fudhatama argatuuf wanni sun waan fayyaalessa yookaan waan hirʼina hin qabne haa taʼu. 22 Horii jaamaa yookaan cabaa yookaan dooluu yookaan kormommuu yookaan kan dhangalaʼaan dhagna isaa keessaa baʼu yookaan kan madaa malaʼu qabu Rabbii Allaahaf hin dhiʼeessinaa. Kanneen akkasii keessaa tokko iyyuu aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu gootanii iddoo aarsaa irra hin kaaʼinaa. 23 Taʼus sangaa yookaan hoolaa gar malee dheeraa yookaan gar malee gabaabaa taʼe aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu gootanii dhiʼeessuu ni dandeessu; garuu wanni kun wareega keessan guutuuf fudhatama hin argatu. 24 Horii kolaafame yookaan kan tumame, kan kolaan isaa baqaqfame yookaan irraa murame tokko Rabbii Allaahaf hin dhiʼeessinaa; isin waan akkasii biyya keessan keessatti hin godhinaa; 25 horii akkasii nama ormaa harkaa fuutanii nyaata Allaah keessanii gootanii hin dhiʼeessinaa. Horiin sun waan kolaafamee hirʼina qabuuf isiniif hin fudhatamu.’ "
26 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 27 "Dibichi yookaan hoolaan yookaan reʼeen yommuu dhalatutti hamma bultii torbaatti haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee immoo aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu taʼee fudhatama ni argata. 28 Guyyuma tokkotti, saʼa yookaan hoolaa ilmoo isaa wajjin hin qalinaa.
29 "Gaafa aarsaa galataa Rabbii Allaahaf dhiʼeessitanitti akka isiniif fudhatamuuf haala kanaan dhiʼeessaa. 30 Aarsaan kunis gaafuma sana nyaatamuu qaba; waan tokko illee hin bulchinaa. Ani Rabbii Allaah.
31 "Ajajawwan koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Rabbii Allaah. 32 Maqaa koo qulqullicha hin xureessinaa. Akka ani qulqulluu taʼe Israaʼeloonni haa beeksisan. Ani Rabbii Allaah kan isin qulqulleessu 33 kanan Allaah keessan taʼuudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Rabbii Allaah."