Publicidade

Levítico 21

Seera Lubootaaf Kenname

1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Akkana jedhiitii ilmaan Haaruun luboota sanatti dubbadhu: ‘Lubni tokko nama fira isaa keessaa duʼeef jedhee of hin xureessin; 2 garuu firoota dhiigaatiif jechuunis haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa, obboleessa isaa, 3 yookaan obboleettii isaa kan sababii hin heeruminiif isa wajjin jiraattuuf jedhee of xureessuu dandaʼa. 4 Garuu namoota karaa fuudhaa fi heerumaatiin firoota isaa taʼaniif jedhee of hin xureessin; akkasiinis xuraaʼaa hin taʼin.

5 " ‘Luboonni mataa isaanii yookaan qarqara areeda isaanii hin haadatin yookaan dhagna isaanii hin madeessin. 6 Isaan Allaah isaaniitiif qulqulloota haa taʼan; maqaa Allaah isaaniis hin xureessin. Isaan waan aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu, nyaata Allaah isaanii sana dhiʼeessaniif qulqulloota taʼuu qabu.

7 " ‘Luboonni sababii Allaah isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban. 8 Ati isa qulqulleessi; inni nyaata Allaah keetii dhiʼeessaatii. Inni siif haa qulqullaaʼu; ani Rabbii Allaahan inni isin qulqulleessu qulqulluudhaatii.

9 " ‘Intalli luba tokkoo yoo sagaagalummaadhaan of xureessite isheen abbaa ishee salphifti; isheen ibiddaan haa gubamtu.

10 " ‘Lubni obboloota isaa keessaa luba ol aanaa taʼee zayitiin ittiin diban mataa isaa irratti naqame kan akka uffata lubummaa uffatuuf muudame tokko mataa isaa filachuu hin dhiisin yookaan uffata ofii hin tarsaasin. 11 Inni iddoo reeffi jiru hin seenin. Abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif iyyuu jedhee of hin xureessin; 12 yookaan sababii zayitiin ittiin diban kan Allaah isaa isa irra jiruuf inni iddoo qulqulluu sana keessaa hin baʼin yookaan iddoo qulqulluu Allaah isaa hin xureessin. Ani Rabbii Allaah.

13 " ‘Dubartiin inni fuudhu durba taʼuu qabdi. 14 Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu; 15 kunis akka inni gosa isaa keessatti sanyii isaa hin xureessineef. Ani Rabbii Allaah isa qulqulleessuu dha.’ "

16 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 17 "Haaruuniin akkana jedhi: ‘Dhaloota itti aanu keessatti sanyii kee keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu nyaata Allaah isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. 18 Namni hirʼina kam iyyuu qabu tokko iyyuu jechuunis namni jaamaan yookaan naafni, namni bifaa fi dhagna hin tolle, 19 namni miilla yookaan harka cabaa qabu, 20 yookaan namni dugda goophoo yookaan ooluun yookaan namni dhibee ijaa qabu yookaan namni madaa malaʼu qabu, yookaan namni cittoo qabuu fi namni kolaafame hin dhiʼaatin. 21 Sanyii Haaruun lubichaa keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. Inni waan hirʼina qabuuf nyaata Allaah isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. 22 Innis nyaata Allaah isaa kan nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼee fi nyaata qulqulluu nyaachuu dandaʼa. 23 Garuu inni sababii hirʼina qabuuf akka iddoo qulqulluu koo hin xureessineef golgaa keessa hin seenin yookaan iddoo aarsaatti hin dhiʼaatin. Ani Rabbii Allaah isa isaan qulqulleessuu dha.’ "

24 Muusaan Haaruunitti, ilmaan Haaruunittii fi Israaʼeloota hundatti waan kana hime.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-