1 " ‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee, 2 ilmaan Haaruun luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Rabbii Allaahatti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. 3 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Haaruunii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.
4 " ‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu. 5 Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu. 6 Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti. 7 Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu. 8 Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Rabbii Allaahaf fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni. 9 Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Rabbii Allaahatti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. 10 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Haaruunii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.
11 " ‘Kennaan midhaanii kan isin Rabbii Allaahaf dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii. 12 Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Rabbii Allaahaf dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu. 13 Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Allaah keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
14 " ‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Rabbii Allaahaf fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi. 15 Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti. 16 Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu godhee haa gubu.