Pular para o conteúdo
Publicidade

Lei

Por Bíblia Online

A lei de Deus é expressão do seu caráter e amor. Do Sinai ao Sermão do Monte, a lei orienta, protege e revela o padrão santo de Deus para a vida humana.

O propósito da lei

A lei de Deus revela o pecado e nos conduz a Cristo. Pela lei é que temos consciência do que é justo e do que é errado.

Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Allaaha duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.

Garboota Qajeelummaa Taʼuu

Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu!

Bilisummaa Amantootaa

"Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;" kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. "Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;" kan nama fayyadu garuu waan hunda miti.

Seerri guutuun ajaja tokkicha, "Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu" jedhuun xumurameeraatii.

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Al-Masiihii ni eegdu.

Amar e obedecer

O maior mandamento é amar a Deus e ao próximo. Toda a lei se resume nestes dois mandamentos, que são o fundamento de tudo.

Inni lammaffaan immoo, isa kana; Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru."

Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.

Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Nabiiʼiyyoonnis kanumaatii.

Wal jaalladhaa

Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.

Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Allaah jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.

Yaa michoota, yoo garaan keenya nutti muruu baate nu fuula Allaaha duratti ija jabina qabna. Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.

Bênçãos da obediência à lei

Se andardes nos meus mandamentos, vivereis. A obediência à lei de Deus traz vida, paz e prosperidade espiritual.

Eebba Ajajamuudhaan Argamu

Yoo ati guutumaan guutuutti Rabbii Allaah keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Rabbii Allaahan kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.

Ani akka ati Rabbii Allaah kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Rabbii Allaahan kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.

Rabbii Allaah Sodaadhu

Yaa Israaʼel, wanni Rabbii Allaahan kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Rabbii Allaah kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Rabbii Allaah kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu, akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Rabbii Allaah kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.

Garuu akka Rabbii Allaah keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Muusaan garbichi Rabbii Allaah isinii kenne sana jabeessaa eegaa."

Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;

akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.

Ani karaa dhugaa filadheera;

seera kees of dura kaaʼadheera.

Jaalalli Rabbii Allaah garuu bara baraa hamma bara baraatti

warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;

qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

warra kakuu isaa eeganitti,

warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.

Lei e graça

A lei veio para nos guiar; a graça veio para nos salvar. Em Cristo, cumprimos a lei pelo amor — o fruto do Espírito não tem lei contra si.

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera.

Rabbii Allaahan maal sirraa barbaada?

Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu,

akka ati gad of qabdee Allaah kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?

Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa,

qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!

Warra Hin Amanneen Walitti Hin Camadaminaa

Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?

Seja o primeiro