Língua
A língua tem poder de vida e de morte. A Bíblia compara a língua ao leme de um navio e à faísca que incendeia uma floresta. Dominar a língua é prova de maturidade espiritual.
O poder da língua
A morte e a vida estão no poder da língua. Quem a domina é varão perfeito, capaz de controlar todo o corpo.
Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;
warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.
Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya. Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa. Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda jahaannamiitiin gubama.
Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus; arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha.
Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Allaahatiin uumame abaarra. Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu. Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa? Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu.
Palavras sábias
A língua branda quebra até ossos. A palavra certa no tempo certo é como maçãs de ouro em salvas de prata.
Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama;
dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.
Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana;
arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;
arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;
namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata;
yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
Disciplinar a fala
Quem guarda a boca e a língua guarda a sua alma de angústias. A religião sem controle da língua é vã.
Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.
Ani akkana nan jedhe; "Ani karaa koo nan eeggadha;
arraba koos cubbuu irraa nan ittisa;
hamma namni hamaan na bira jiruttis,
afaan kootti luugama nan kaaʼadha."
Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis
bara baayʼee hawwu eenyu?
Arraba kee waan hamaa irraa,
afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
Seerri Allaah isaa garaa isaa keessa jira;
miilli isaas hin mucucaatu.
Arrabni koo qajeelummaa kee,
guyyaa guutuus galata kee odeessa.
Rabbii Allaah, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre,
ati guutumaan guutuutti ni beekta.
Rabbii Allaah, afaan sobuu fi
arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
Rabbii Allaahan afaan nama saadu hunda,
arraba of tuulu hundas haa kukkutu;
isaanis, "Nu arraba keenyaan ni moona;
hidhiin keenyas keenyuma;
eenyutu nurratti gooftummaa qaba?" jedhu.
Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi;
dubbii isaaniis waliin dhaʼi;
ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.
Toda língua confessará
Ao nome de Jesus todo joelho se dobrará e toda língua confessará que Jesus Cristo é Senhor, para glória de Deus Pai.
Kanaafuu Allaahan akka malee ol isa qabe;
maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.
Kunis akka jilbi hundinuu shamaayʼunii fi lafa irratti,
lafa jalattis, maqaa Iisaaf jilbeenfatuuf.
Akka arrabni hundinuus ulfina Allaah Abbaatiif jedhee
Iisaa Al-Masiihiin Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
Ani yoon afaan namootaatii fi afaan malaʼikkoota Allaaha dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti.
Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu. Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama."
Rabbii Allaahan garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe. Rabbii Allaahanis akkana jedhe; "Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu. Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!"
Kanaafuu Rabbii Allaahan achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan. Waan Rabbii Allaahan achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; Rabbii Allaahan iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.