Maria
Maria, mãe de Jesus, é honrada nas Escrituras como a mulher escolhida por Deus para trazer ao mundo o Salvador. Sua fé, humildade e obediência são exemplo para todos os cristãos.
A escolhida de Deus
O anjo Gabriel anunciou a Maria que ela seria mãe do Filho do Altíssimo. Ela respondeu com fé: 'Faça-se em mim segundo a tua palavra.'
Dhalachuu Iisaa
Elsaabeexi ulfooftee jiʼa jaʼaffaattis Jibriil malaʼikkaan Allaah biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; innis gara durba namichi sanyii Daawud irraa dhalate kan maqaan isaa Yuusuf jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Mariyaam ture. Malaʼikkaan Allaaha sunis gara ishee dhaqee, "Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira" jedhe.
Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii. Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Iisaa jettee moggaafta. Innis guddaa ni taʼa; Ilma Allaah Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Allaahan Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawud ni kennaaf; inni mana Yaaʼikuub irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."
Dhalachuu Iisaa Al-Masiihii
Dhalachuun Iisaa Al-Masiihii akkana ture: Haati isaa Mariyaam kaadhima Yuusuf turte; isheenis utuu Yuusuf wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.
O Magnificat
Maria cantou: 'Minha alma engrandece ao Senhor!' Seu cântico exalta a misericórdia, o poder e a fidelidade de Deus.
Faarfannaa Mariyaam
Mariyaamis akkana jette:
"Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;
hafuurri koos fayyisaa koo Allaahatti ni gammada;
inni salphina garbittii isaa argeeraatii.
Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;
Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii;
maqaan isaa qulqulluu dha.
Araarri isaas warra isa sodaataniif
dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.
Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera;
of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.
Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera;
gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.
Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera;
sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.
Inni araara qabeessa taʼuu isaa
yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;
kunis akkuma inni abbootii keenyaaf,
Ibraahimii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti."
Yuusufis manaa fi sanyii Daawud keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawud ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe. Innis kaadhima isaa Mariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe. Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe. Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
Mariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.
Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Mariyaamiinis akkana jedhe; "Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera; kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana."
Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, "Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!" jetteen.
Innis deebisee, "Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?" isaaniin jedhe. Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
Mãe fiel até o fim
Maria acompanhou Jesus desde o nascimento até a cruz. Ela estava entre os discípulos no Pentecostes, fiel em oração.
Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Iisaa, "Jarri daadhii wayinii hin qaban" isaan jette.
Iisaan immoo deebisee, "Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye" jedheen.
Haati isaas tajaajiltootaan, "Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa" jette.
Fannoo Iisaa biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Mariyaam niitiin Qilophaatii fi Mariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan. Iisaanis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, "Dubartii nana! Kunoo, ilma kee" jedhe. Barataa sanaan illee, "Kunoo haadha kee" jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.
Haadha Iisaatii fi Obboloota Isaa
Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan. Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, "Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru" jedhanii isatti himan.
Inni immoo, "Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?" jedhee gaafate.
Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; "Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti! Namni fedhii Allaaha raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis."
Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Mariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaʼikuub, Yuusuf, Simoonii fi Yihuudaa mitii? Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?"
Hundi isaaniis dubartootaa fi Mariyaam haadha Iisaa wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon duʼaa godhachuutti jabaachaa turan.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.