Mediador
Jesus é o único mediador entre Deus e os homens. Ele é o caminho, a verdade e a vida — ninguém vem ao Pai senão por Ele. Sua intercessão é eterna e perfeita.
O único mediador
Há um só Deus e um só mediador entre Deus e os homens — Cristo Jesus. Ele intercede por nós diante do Pai com autoridade eterna.
Allaahan tokkicha; Allaaha fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Al-Masiihi Iisaa isa nama taʼee dha;
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Garuu akkuma kakuun inni Iisaa gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Al-Masiihiin araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.
Intercessão e proteção
Jesus rogou ao Pai que nos guarde do mal. O Espírito intercede por nós com gemidos inexprimíveis, e nada nos separa do amor de Cristo.
Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si duʼaa hin godhu.
Inni garaa keenya qoru sun yaada Hafuuraas ni beeka; Hafuurri akka fedhii Allaahatti qulqullootaaf duʼaa godhaatii.
Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
Akka nu isumaan qajeelummaa Allaaha taanuuf Allaahan nuuf jedhee Al-Masiihii isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.