Meditação
A meditação na Palavra de Deus é prática espiritual essencial. Diferente da meditação oriental, a meditação bíblica é reflexão profunda sobre as Escrituras — ruminar a Palavra dia e noite.
Meditar na Palavra dia e noite
Bem-aventurado o homem que medita na lei do Senhor de dia e de noite. Ele é como árvore plantada junto a ribeiros de águas.
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,
yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,
yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
Garuu inni seera Rabbii Allaahatti gammada;
seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Ani seera kee akkaman jaalladha!
Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif,
diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf,
barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
Ani sababiin ajaja kee eeguuf,
maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.
Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada;
karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
Ani sirna keetti nan gammada;
dubbii kees hin dagadhu.
ג Giimeel
waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf,
isaanitti nan gammada.
Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha;
labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.
ז Zaayin
Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha;
ani dubbii kee abdadheera.
Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf,
iji koo halkan guutuu banamee bula.
Frutos da meditação
A meditação produz entendimento, alegria e adoração. Quem medita na Palavra encontra direção, paz e renovação espiritual.
Rabbii Allaah, Kattaa koo fi Furii ko,
dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo
fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.
Afaan koo dubbii ogummaa dubbata;
wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.
Ani hojii Rabbii Allaah nan yaadadha;
dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada;
waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
Ani guyyoota durii nan yaadadha;
waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada;
waan harki kee hojjete illee nan heda.
Yaa Allaah, nu mana qulqullummaa kee keessatti,
jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.
Bara jireenya koo guutuu ani Rabbii Allaahaf nan faarfadha;
hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan Allaah koo nan galateeffadha.
Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu;
ani Rabbii Allaahatti nan gammadaatii.