Publicidade

A mulher sábia

Por Bíblia Online

A mulher sábia constrói sua casa sobre o fundamento do temor do Senhor. Sua sabedoria abençoa a família, a comunidade e as gerações futuras.

A sabedoria que edifica

A mulher sábia edifica sua casa. O temor do Senhor é o princípio da sabedoria e a instrução que conduz à honra.

Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;

gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.

"Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Rabbii Allaah sodaachuun ogummaa nama barsiisa;

gad of qabuunis ulfina dura dhufa.

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;

yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.

Virtude e excelência

A mulher virtuosa é coroada de força e dignidade. Ela abre a boca com sabedoria e a instrução da bondade está na sua língua.

Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?

Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.

Isheen jabina fi ulfina uffatti;

bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.

Afaan ishee ogummaadhaan banatti;

gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.

Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun;

dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:

"Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu;

ati garuu isaan hunda caalta."

Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;

dubartiin Rabbii Allaah sodaattu garuu galateeffamtuu dha.

Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;

niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.

Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;

namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.

Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;

niitii qalbii qabdu garuu Rabbii Allaahatu namaaf kenna.

Exemplo e influência

A mulher sábia é exemplo de fé e bom testemunho. Suas atitudes inspiram e seu legado abençoa as gerações que virão.

Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi. Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Allaaha hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.

Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.

Fakkeenya Dubarran Kurnanii

"Yeroo sanatti mootummaan shamaayʼun dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata. Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan. Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne. Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan. Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis.

"Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!jedhu tokko dhagaʼame.

"Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaajedhan.

"Warri ogeeyyiinis deebisanii, Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaajedhaniin.

"Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame.

"Ergasii dubarran kaanis dhufanii, Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!jedhaniin.

"Inni garuu deebisee, Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beekujedheen.

"Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-