Publicidade

Mulher

Por Bíblia Online

A Bíblia celebra a mulher como obra-prima da criação divina. Ela é elogiada por sua sabedoria, força, beleza interior e papel fundamental na família e na sociedade.

A mulher na criação

Deus criou o homem e a mulher à sua imagem. A mulher foi formada como ajudadora idônea — parceira de igual dignidade e valor.

Kanaafuu Allaahan akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Allaahatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

Kanaafis Rabbii Allaahan, Allaahan akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche. Rabbii Allaahan, Allaahan lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.

Namichis akkana jedhe;

"Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti;

foon kunis foon foon kootii ti;

isheen waan dhiira irraa argamteef

dubartiijedhamti."

Virtude e caráter

A beleza é vã e a formosura passageira, mas a mulher que teme ao Senhor é digna de louvor. Seu caráter é seu maior tesouro.

Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;

dubartiin Rabbii Allaah sodaattu garuu galateeffamtuu dha.

Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;

gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.

Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;

niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.

Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;

namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.

Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;

niitii qalbii qabdu garuu Rabbii Allaahatu namaaf kenna.

Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa,

gammoojjii keessa jiraachuu wayya.

Ammas yaa intala koo hin sodaatin. Ani waan ati gaafattu hunda siif nan godha. Sabni magaalaa koo keessa jiraatu hundi akka ati dubartii amala gaarii qabdu taate ni beeka.

Sabedoria e serviço

As mulheres da Bíblia foram líderes, profetisas e discípulas fiéis. Jesus honrou as mulheres e as incluiu em seu ministério.

Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu

Iisaanis ergasii injiila mootummaa Allaaha lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan; dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Mariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan, Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Iisaa fi barattoota isaa tajaajilaa turan.

Niitonni Dhirsootaaf Buluu

Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa;

Dirqama Dhirsootaa

Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu duʼaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.

Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.

Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi. Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Allaaha hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-