Pular para o conteúdo
Publicidade

Namoro e sexo

Por Bíblia Online

Namoro e sexo são temas que a Bíblia trata com clareza e sem tabus. Deus criou o sexo como bênção dentro do casamento e nos chama à pureza fora dele.

Pureza sexual

A vontade de Deus é a santificação. Cada um saiba controlar seu próprio corpo em santidade e honra, não na paixão do desejo.

Fedhiin Allaaha akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; kunis akka ormoota Allaah hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;

"Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;" Allaahan garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf.

Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.

Arrependimento e restauração

Bem-aventurado aquele cujo pecado é perdoado. Deus restaura os que se arrependem e cria neles um coração limpo e renovado.

Namni yakki isaa dhiifameef,

kan cubbuun isaas haguugameef,

eebbifamaa dha.

Namni Rabbii Allaahan cubbuu itti hin lakkoofne,

kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre,

eebbifamaa dha.

Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,

guyyaa guutuu aaduu kootiin,

lafeen koo ni bosose.

Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii;

jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.

Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;

balleessaa koos si hin dhokfanne.

Anis, "Irra daddarba koo, Rabbii Allaahatti nan himadha" nan jedhe;

atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.

Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu,

yeroo ati itti argamtutti si duratti duʼaa haa godhatu;

lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.

Yakka koo hundumaa narraa dhiqi;

cubbuu koo irraas na qulqulleessi.

Ani yakka koo beekaatii;

cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira.

Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera;

waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera;

kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha;

yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.

Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa;

na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.

Gammachuu fi ilillee na dhageessisi;

lafeen ati caccabsites haa ililchu.

Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu;

yakka koo hundas narraa haqi.

Yaa Allaah, garaa qulqulluu na keessatti uumi;

Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.

Fuula kee duraa na hin balleessin;

Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.

Gammachuu fayyina keetii naa deebisi;

na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.

Seja o primeiro