Não temas
'Não temas' é uma das frases mais repetidas na Bíblia. Deus a pronuncia nos momentos de maior temor, lembrando que sua presença e poder são maiores que qualquer ameaça.
Deus está contigo
Não temas, porque eu sou contigo. Deus repete essa promessa em cada crise, guerra e desafio que seus filhos enfrentam.
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;
hin raafamin; ani Allaah keetii.
Ani sin jabeessa; sin gargaaras;
ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
Ani Rabbii Allaahan kee
harka kee mirgaa nan qabaatii;
inni, ‘Hin sodaatin;
ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
Yaa Yaaʼikuub raammoo nana,
Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin;
ani mataan koo sin gargaaraatii" jedha Rabbii Allaahan,
Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.
Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu,
tulluu dheeraatti ol baʼi.
Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu,
sagalee kee ol fudhuutii iyyi;
ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin;
magaalaawwan Yihuudaatiinis,
"Allaahan keessan kunoo ti!" jedhi.
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Rabbii Allaahan kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Cimaa; jabaadhaa. Rabbii Allaahan keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."
Kana booddee dubbiin Rabbii Allaah mulʼataan gara Ibraam dhufee akkana jedhe;
"Yaa Ibraam hin sodaatin;
ani gaachana keetii fi
gatii kee guddicha."
Coragem diante do perigo
Não tenhas medo — o Senhor teu Deus está no meio de ti, poderoso para salvar. Ele luta por nós e dá forças aos medrosos.
Isaan gaafas
Yerusaalemiin akkana ni jedhu;
"Yaa Xiyoon hin sodaatin;
harki kees hin laafin.
Rabbii Allaahan kee
inni si wajjin jiru jabaa dha.
Inni baayʼee sitti gammada;
inni jaalala isaatiin si boqochiisa;
faarfannaadhaanis sitti gammada."
Nabiiʼiyyiin sun immoo, "Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii" jedhee deebise.
Al-yaasaʼaanis, "Rabbii Allaah, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif" jedhee duʼaa godhate. Rabbii Allaahanis ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Al-yaasaʼaatti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.
Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin;
gammadiitii ililchi.
Rabbii Allaahan dhugumaan waan guddaa hojjeteera!
Rabbii Allaahan garuu akkana naan jedhe; "Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda. Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii" jedha Rabbii Allaahan.
Halkan tokko Gooftaan akkana jedhee mulʼataan Phaawulositti dubbate; "Hin sodaatin; dubbadhu malees hin calʼisin. Sababii ani si wajjin jiruuf namni tokko iyyuu si miidhuuf jedhee si hin tuqu; ani magaalaa kana keessaa nama baayʼee qabaatii."
Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin. Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda.
Fé que vence o medo
O medo não vem de Deus. Jesus disse: não temas, crê somente! A fé dissipa o medo e nos conecta ao poder de Deus.
Iisaan garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, "Amani malee hin sodaatin!" jedhe.
Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif ibliis isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa jahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.
Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii.
Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Iisaatti kufee, "Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!" jedhe.