Nascimento de Jesus
O nascimento de Jesus é o evento que divide a história. O Verbo se fez carne e habitou entre nós. Deus enviou seu Filho ao mundo para nos salvar e nos reconciliar consigo.
O Verbo se fez carne
Jesus não nasceu por acaso — sua encarnação foi planejada antes da fundação do mundo. Ele se esvaziou e assumiu a forma humana por amor.
Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Inni utuma bifa Allaahatiin jiruu,
wal qixxummaa Allaah wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,
gad of deebise;
duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Allaahan Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.
Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Iisaanis duʼa ofii isaatiin ibliis isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.
Kanaafuu inni Allaah tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
O anúncio e o nascimento
O nascimento de Jesus foi anunciado por anjos, precedido por sinais e recebido com adoração pelos pastores e pelos magos do oriente.
Dhalachuun Iisaa Al-Masiihii akkana ture: Haati isaa Mariyaam kaadhima Yuusuf turte; isheenis utuu Yuusuf wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.
Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."
Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu" jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Allaahan nu wajjin jira" jechuu dha.
Yuusufis hirribaa dammaqee akkuma malaʼikkaan Gooftaa isa ajajetti Mariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, "Iisaa" jedhee moggaase.
Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii. Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Iisaa jettee moggaafta. Innis guddaa ni taʼa; Ilma Allaah Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Allaahan Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawud ni kennaaf; inni mana Yaaʼikuub irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."
Yuusufis manaa fi sanyii Daawud keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawud ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe. Innis kaadhima isaa Mariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe. Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe. Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
Malaʼikkaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; "Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii. Harʼa magaalaa Daawud keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Al-Masiihii Goofticha. Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu."
Erga malaʼikkoonni tiksoota dhiisanii gara shamaayʼuniitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, "Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa" waliin jedhan.
Isaanis dafanii dhaqanii Mariyaamii fi Yuusufin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan. Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan; warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.
O Rei que veio servir
Jesus nasceu para ser Rei, e todo aquele que é da verdade ouve a sua voz. Os magos o adoraram e ofereceram seus tesouros.
Phiilaaxoosis, "Yoos ati mootii dha kaa!" jedheen.
Iisaan immoo, "Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa" jedhee deebise.
Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme. Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan. Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Mariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif. Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.