Nascimento
O nascimento é obra das mãos de Deus. Cada criança é formada por Ele no ventre materno com propósito e amor. A Bíblia celebra a vida desde a concepção até a eternidade.
O nascimento de Jesus
O maior nascimento da história mudou o curso da humanidade. Jesus nasceu de uma virgem pelo poder do Espírito Santo, conforme as profecias.
Dhalachuu Iisaa Al-Masiihii
Dhalachuun Iisaa Al-Masiihii akkana ture: Haati isaa Mariyaam kaadhima Yuusuf turte; isheenis utuu Yuusuf wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte. Yuusuf kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.
Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."
Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu" jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Allaahan nu wajjin jira" jechuu dha.
Yuusufis hirribaa dammaqee akkuma malaʼikkaan Gooftaa isa ajajetti Mariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, "Iisaa" jedhee moggaase.
Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.
Dhalachuu Iisaa
Elsaabeexi ulfooftee jiʼa jaʼaffaattis Jibriil malaʼikkaan Allaah biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; innis gara durba namichi sanyii Daawud irraa dhalate kan maqaan isaa Yuusuf jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Mariyaam ture.
Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii. Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Iisaa jettee moggaafta. Innis guddaa ni taʼa; Ilma Allaah Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Allaahan Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawud ni kennaaf; inni mana Yaaʼikuub irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."
Mariyaamis, "Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?" jettee malaʼikkaa sana gaafatte.
Malaʼikkaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Allaah Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Allaaha ni jedhama.
Formados desde o ventre
Deus nos teceu no ventre de nossa mãe. Antes de nascermos, Ele já nos conhecia e nos separou para um propósito sagrado.
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,
lafeen koo si duraa hin dhokanne.
Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.
Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,
kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
"Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke;
utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe;
akka ati sabootaaf nabiiʼiyyii taatuufis si muude."
Ati garuu gadameessa keessaa na baafte;
harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame;
erga haati koo na deessee jalqabdee ati Allaah koo ti.
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;
gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.
Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
"Haati daaʼima ishee kan hoosiftu
irraanfachuu ni dandeessii?
Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?
Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee
daʼuu nan dhowwaa?"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ani daʼumsaan gaʼee
gadameessa nan cufaa?"
jedha Allaahan kee.
Crianças — bênção e promessa
Jesus acolheu as crianças e disse: delas é o Reino dos céus. Os filhos são herança do Senhor e motivo de alegria para os pais.
Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.
Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala. Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.
Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;
iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
Ani mucaa kana argachuuf duʼaa godhadheera; Rabbii Allaahanis waan ani isa kadhadhe naaf kenneera.
Rabbii Allaah, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii;
ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
Nascer de novo
Jesus ensinou que é preciso nascer de novo para ver o Reino de Deus. O novo nascimento é espiritual — pelo Espírito e pela Palavra.
Iisaanis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Allaaha arguu hin dandaʼu" jedheen.
Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.
Namni Allaah irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Allaaha isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Allaah irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu.
Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.