Pular para o conteúdo
Publicidade

Obediência aos pais

Por Bíblia Online

A obediência aos pais é mandamento divino com promessa de vida longa. A Bíblia valoriza a honra filial e ensina os filhos a respeitar e obedecer aos pais com amor.

Honrar pai e mãe

O quinto mandamento ordena honrar pai e mãe. É o primeiro mandamento com promessa: para que vá bem e vivas muito na terra.

Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Rabbii Allaahan kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Allaahan, Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu jedheeraatii.

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Obedecer e respeitar

Filhos, obedecei a vossos pais no Senhor. A obediência filial é expressão de amor e temor a Deus.

Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.

Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,

morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.

Akeekkachiisa Waaʼee Ejjaa Irratti Kenname

Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Bara baraan garaa keetti qabadhu;

morma keettis hidhadhu.

Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu;

yeroo ati raftu si eegu;

yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.

Ajajni kun ibsaadhaatii;

barsiisni kunis ifa;

sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;

Ogummaan Waan Hunda Caalti

Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;

qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.

Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;

kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.

Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,

yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,

inni akkana jedhee na barsiise;

"Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;

seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.

Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;

dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.

Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;

ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.

Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;

qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Disciplina e consequências

A vara e a repreensão dão sabedoria. A Bíblia adverte sobre as consequências sérias da rebeldia e desonra aos pais.

Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti

gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.

Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,

ilma qaanii fi salphina fiduu dha.

"Ija abbaatti qoosu,

kan ajaja haadhaa tuffatu

arraagessa sululaatiin baafama;

joobiraanis ni nyaatama.

"Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa rukutu haa ajjeefamu.

Ilma Hin Ajajamne

Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate, abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan. Isaanis, "Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha" jedhanii maanguddootatti haa himan. Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu.

Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,

ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.

Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti?

Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Allaah gammachiisaatii.

Seja o primeiro