Obediência
A obediência a Deus é a resposta natural do amor. Jesus disse: 'Se me amais, guardareis os meus mandamentos.' A obediência abre portas de bênção e nos aproxima do coração de Deus.
Obedecer é melhor que sacrificar
Deus deseja obediência acima de rituais. O sacrifício sem submissão ao Senhor é vazio de significado espiritual.
Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe:
"Rabbii Allaahan akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana,
aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa?
Ajajamuutu aarsaa caala;
dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; "Nu namaaf ajajamuu irra Allaahaf ajajamuu qabna!
Nu dhuga baatota waan kanaa ti; akkasumas Hafuurri Qulqulluun Allaahan warra isaaf ajajamaniif kenne sun dhuga baʼaa waan kanaa ti."
Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate; erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe.
Obedecer aos mandamentos de Cristo
Jesus vinculou amor a obediência. Quem ama a Deus guarda seus mandamentos, e seus mandamentos não são pesados.
"Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
Allaah jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.
Yaa michoota, yoo garaan keenya nutti muruu baate nu fuula Allaaha duratti ija jabina qabna. Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.
"Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?
Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; "Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu.
Obedecer e praticar a Palavra
Sejam praticantes da Palavra. Quem ouve e pratica é como o homem sábio que construiu sobre a rocha firme — inabalável.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;
namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
Bênçãos da obediência
A obediência abre caminho de bênçãos e prosperidade. Deus promete vida, saúde e vitória aos que andam em seus caminhos.
Yoo ati guutumaan guutuutti Rabbii Allaah keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Rabbii Allaahan kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.
Akka hamma bara baraatti isaanii fi ijoollee isaaniitti toluuf isaan utuu yeroo hunda garaa na sodaatee ajaja koo hunda eegu qabaatanii akkam gaarii ture!
Akka biyya dhaaltan keessa jiraachuu dandeessan, akka isinitti tolee umurii dheeraa illee qabaattaniif karaa Rabbii Allaahan keessan isin ajaje hunda irra deemaa.
Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa shamaayʼun keessatti guddaa jedhama.
Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.
Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni baayʼeen cubbamoota taʼan, akkasuma immoo ajajamuu nama tokkootiin namoonni baayʼeen qajeeltota ni taasifamu.
Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate;
Submissão e consagração
Apresentar o corpo como sacrifício vivo é o culto racional. A obediência se expressa em submissão, serviço e consagração total a Deus.
Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa.
Warri Hafuura Allaahatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Allaahatii.
Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Allaah irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Allaahatu muude.
Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Allaah irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Allaahatu muude. Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Allaahatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu.
kunis akka ani fedhii Allaahatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf.
Akka arrabni hundinuus ulfina Allaah Abbaatiif jedhee
Iisaa Al-Masiihiin Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.
Namichis, " ‘Allaah kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’" jedhee deebise.
"Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis duʼaa godhaa.
waan Rabbii Allaahan kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Muusaa keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi;
Namoonni ormaa na sossobatan;
isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.
Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. "Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.