Pular para o conteúdo
Publicidade

Ouvir a voz de Deus

Por Bíblia Online

Ouvir a voz de Deus é o privilégio supremo do cristão. Ele fala por sua Palavra, pelo Espírito e em circunstâncias — e as ovelhas reconhecem a voz do bom Pastor.

As ovelhas ouvem a voz do Pastor

Jesus disse: minhas ovelhas ouvem minha voz, eu as conheço e elas me seguem. A relação com Deus é íntima e pessoal.

Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.

Nabiiʼiyyoota keessatti, Isaan hundi warra Allaah irraa baratan ni taʼu jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.

Namni kan Allaaha taʼe kam iyyuu dubbii Allaaha ni dhagaʼa. Isin waan kan Allaaha hin taʼiniif hin dhageessan."

"Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Allaaha dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.

Dubbiin Foon Taʼuu Isaa

Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Allaah wajjin ture; dubbiin sunis Allaah ture.

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

Deus fala pela Palavra

Toda Escritura é inspirada por Deus. A Bíblia é a voz confiável de Deus registrada para nos guiar em toda verdade.

Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Allaahatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Allaaha hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.

Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa nabiiʼiyyichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu. Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Allaahatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.

Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Al-Masiihiin dhagaʼama.

Ijaartota Ogeeyyii fi Gowwoota

"Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata. Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee mana sana dhaʼe; manichi garuu waan kattaa irratti hundeeffameef hin jigne.

Inni garuu deebisee, "Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Allaaha dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha" jedhe.

Buscar e ouvir

Deus promete: 'Clama a mim, e te responderei.' Quando buscamos sinceramente sua voz, encontramos direção e revelação.

Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.

Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, "Karaan kana; isa irra deemi" jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.

Isinis akkana jettan; "Kunoo Rabbii Allaahan keenya ulfinaa fi guddina isaa nu argisiiseera; ibidda keessaas sagalee isaa nu dhageessiseera. Nu harʼa akka namni yoo Allaahan isatti dubbate illee jiraachuu dandaʼu argineerra.

Sagaleen Rabbii Allaah bishaanota irra jira;

Allaahan ulfinaa ni qaqawweessaʼa;

Rabbii Allaahan bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.

Sagaleen Rabbii Allaah humna qaba;

sagaleen Rabbii Allaah surra qabeessa.

Sagaleen Rabbii Allaah birbirsa ni cabsa;

Rabbii Allaahan birbirsa Libaanoon ni caccabsa.

Ani guddisee Rabbii Allaahatti nan iyyadha;

innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.

Seja o primeiro