Pular para o conteúdo
Publicidade

Pai da mentira

Por Bíblia Online

A Bíblia revela que o diabo é o pai da mentira. Ele engana, acusa e tenta destruir. Mas Cristo veio para desfazer as obras do maligno e nos dar vitória.

O caráter do diabo

Jesus disse que o diabo é mentiroso e homicida desde o princípio. Não há verdade nele — a mentira é sua natureza.

Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee ibliis; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.

Yeroo irbaataatti ibliis akka inni Iisaa dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe.

Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa ibliis yookaan sheeyxaana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; malaʼikkoonni isaas isa wajjin darbataman.

Anis sagalee guddaa tokko shamaayʼun keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:

"Amma fayyinni, humnii fi

mootummaan Allaah keenyaa,

taayitaan Al-Masiihii isaas dhufeera.

Himataan obboloota keenyaa

inni halkanii guyyaa fuula Allaaha duratti,

isaan himatu sun gad darbatameeraatii.

Sheeyxaanni mataan isaa malaʼikkaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu.

Allaahan addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa injiila ulfina Al-Masiihii isa fakkaattii Allaaha taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.

As obras do inimigo

O diabo rouba a Palavra semeada, cega o entendimento dos incrédulos e anda em derredor como leão rugidor buscando a quem devorar.

Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha.

Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti; diinni inkirdaada facaase immoo ibliis dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo malaʼikkoota Allaaha ti.

Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Ibliis diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.

Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Sheeyxaanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa;

Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf, ani siʼachi isin wajjin baayʼee hin dubbadhu; inni narraa homaa hin qabu;

Vitória em Cristo

Cristo apareceu para destruir as obras do diabo. Quem está em Deus é protegido, e o maligno não o toca.

Namni cubbuu hojjetu kan ibliis; ibliis jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Allaaha hojii ibliis diiguudhaaf mulʼateetii.

Namni Allaah irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Allaah irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu. Nu ijoollee Allaaha akka taane, addunyaan guutuunis toʼannaa isa hamaa sanaa jala akka jiru ni beekna.

Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna sheeyxaanaa jalaas gara Allaahatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.

Ibliis inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi nabiiʼiyyichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu.

Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa.

Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.

Seja o primeiro