A paixão de Cristo
A paixão de Cristo é o ato de amor supremo da história. Jesus sofreu voluntariamente a cruz, carregando os pecados da humanidade para nos dar vida eterna.
O caminho da cruz
Jesus sabia o que o aguardava. Mesmo em agonia, submeteu-se à vontade do Pai e caminhou resolutamente para o Calvário.
Iisaan Duraan Dursee Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate
Iisaan yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaattii fi harka barsiistota seeraatti waan hedduun dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu qabuu fi akka guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaafamu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
Ergasiis inni, "Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa" jedheen.
Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,
gad of deebise;
duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Iisaanis duʼa ofii isaatiin ibliis isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.
O sacrifício voluntário
Ninguém tirou a vida de Jesus — Ele a deu voluntariamente. Ele veio para servir e dar a sua vida em resgate por muitos.
Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata. Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera."
Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii."
Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Iisaa ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne.
Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.
Fakkeenya Al-Masiihii
Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Al-Masiihiin akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.
"Inni cubbuu hin hojjenne;
sobni afaan isaatii hin baane."
Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne. Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.
Inni nama biratti tuffatamee jibbame;
inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha.
Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii,
inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;
gadda keenyas baate;
nu garuu akka waan Allaahan isa dhaʼeetti,
akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname;
balleessaa keenyaafis caccabsame;
nu adabamuu isaatiin nagaa arganne;
madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.