Pular para o conteúdo
Publicidade

Palavras de conforto

Por Bíblia Online

Deus é o Deus de todo conforto. Ele consola os que choram, restaura os quebrantados e promete que a dor presente dará lugar à alegria eterna.

O Deus de toda consolação

Bendito seja o Deus e Pai de nosso Senhor Jesus Cristo, Pai das misericórdias e Deus de toda consolação, que nos consola em todas as tribulações.

Allaah Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu

Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

Allaah Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu

Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa. Akkuma nu dhiphina Al-Masiihii keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Al-Masiihiin jajjabinni nuu baayʼata. Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha. Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii.

Akkuma nu dhiphina Al-Masiihii keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Al-Masiihiin jajjabinni nuu baayʼata.

Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne

yookaan hin balfineetii;

yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis,

ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.

Rabbii Allaahan warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;

warra abdii kutatanis ni fayyisa.

Promessas de restauração

Deus sarará o quebrantado de coração e atará as suas feridas. Quem semeia em lágrimas, colherá com júbilo.

Warra garaan cabe ni fayyisa;

madaa isaaniis walitti hodha.

Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;

gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;

booʼichi galgala tokko qofaaf tura;

ganama garuu ililleetu taʼa.

Allaahan daʼoo fi jabina keenya;

inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

Yaaddoo kee Rabbii Allaahatti kennadhu;

inni si jiraachisa;

namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.

Gadadamu koo galmeessi;

imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi;

isaan galmee kee keessa jiru mitii?

Rabbii Allaahan warra cunqurfamaniif irkoo dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

Rabbii Allaahan kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;

Allaahan koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;

inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.

Paz e descanso

Jesus disse: 'Vinde a mim, todos os cansados e sobrecarregados, e eu vos aliviarei.' A paz de Deus que excede todo entendimento guarda o coração.

"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.

"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu.

Warri gaddan eebbifamoo dha;

jajjabina ni argatuutii.

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

"Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa."

Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.

Waan hundumaa keessatti Allaah duratti duʼaa gochuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Allaahatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.

Nagaan Allaah kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Al-Masiihi Iisaatiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

Esperança eterna

Deus enxugará toda lágrima. A dor presente é momentânea, mas a glória futura é eterna. O Senhor transforma luto em dança.

Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Allaahan jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Allaahan mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Allaah isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."

Inni teessoo sana irra taaʼes, "Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!" jedhe; innis, "Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi" naan jedhe.

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Allaahan abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;

hin raafamin; ani Allaah keetii.

Ani sin jabeessa; sin gargaaras;

ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

Bara Tola Rabbii Allaah

Sababii Rabbii Allaahan akka ani

hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,

Hafuurri Rabbii Allaah Gooftaa narra jira.

Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,

akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,

warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

akka ani bara tola Rabbii Allaahatii fi

guyyaa haaloo baʼuu Allaah keenyaa labsuuf,

akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,

akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee,

qooda daaraa miidhagina,

qooda booʼichaa, zayitii gammachuu,

qooda abdii kutachuu immoo,

wayyaa galataa kennuuf na erge.

Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Rabbii Allaaha,

kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.

Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana,

anis isinan urursa;

isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu."

Nunca sozinhos

Deus nunca nos abandona. Ele está ao nosso lado em cada vale, segura nossa mão e promete que o choro não durará para sempre.

Rabbii Allaahan mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Allaahan,

"Ani gonkumaa si hin dhiisu;

gonkumaas si hin gatu"

jedheeraatii.

Rabbii Allaahan gaarii dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

Inni warra isa amanatan ni beeka;

Rabbii Allaahan kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Kanaafuu warri akka fedhii Allaahatti dhiphatan lubbuu isaanii Uumaa isaanii amanamaa sanatti imaanaa kennatanii waan gaarii hojjechuutti haa fufan.

Kanaafuu akka Allaahan yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa. Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee

ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;

uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

Ani waan tokko Rabbii Allaah duratti duʼaa nan godhadha;

waan kanas nan barbaada:

Kunis bara jireenya kootii guutuu

mana Rabbii Allaah keessa jiraachuu,

miidhagina Rabbii Allaah ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa

keessatti isa duʼaa gochuu dha.

Inni guyyaa rakkinaa

iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii;

daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa;

kattaa gubbaattis ol na baasa.

Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana:

Waadaan kee na jiraachisa.

Warra gad qabaman ol baasa;

warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.

Iisaanis deebisee akkana jedheen; "Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi injiilaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu, kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru.

Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna; inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu. Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.

Seja o primeiro