Pular para o conteúdo
Publicidade

O papel da mulher

Por Bíblia Online

A Bíblia honra a mulher como colaboradora essencial no plano de Deus. De Provérbios 31 às mulheres do Novo Testamento, a Escritura celebra a sabedoria, a força e a fé feminina.

A mulher virtuosa

Mulher virtuosa, quem a achará? Seu valor excede o de rubis. Ela é sábia, trabalhadora, generosa e temida pelo Senhor.

Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?

Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.

Dhirsi ishee guddisee ishee amanata;

inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.

Isheen bara jireenya ishee guutuu

waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.

Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee

harka ishee kan hojii jaallatuun footi.

Isheen akkuma doonii daldalaatti

lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.

Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee

maatii isheetiif nyaata kenniti;

xomboreewwan isheefis hojii qooddi.

Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti;

waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.

Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee

hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.

Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti;

ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.

Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira;

quba isheetiin immoo calii qabatti.

Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti;

dhabaadhaaf illee harka balʼifti.

Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti;

daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.

Isheen jabina fi ulfina uffatti;

bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.

Afaan ishee ogummaadhaan banatti;

gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.

Isheen mana ishee toʼatti;

isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.

Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;

gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.

Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Beleza interior

A beleza verdadeira não é exterior, mas o caráter incorruptível de um espírito manso e tranquilo. Isso tem grande valor diante de Deus.

Niitonni Dhirsootaaf Buluu

Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa; isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu. Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Allaaha duratti gatii guddaa qabu haa taʼu. Dubartoonni qulqulloonni durii warri Allaah abdatanis akkasuma dhirsoota isaaniitiif ajajamuudhaan of miidhagsan; Saaraanis Ibraahimiin "Gooftaa" jettee waamaa isaaf ajajamaa turte. Isinis yoo waan qajeelaa hojjettanii fi sodaachuu baattan intallan ishee ti.

Dirqama Dhirsootaa

Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu duʼaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.

Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada;

Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.

Parceria e dignidade

Deus criou homem e mulher à sua imagem. A mulher não é inferior, mas parceira e co-herdeira da graça da vida.

Kanaafuu Allaahan akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Allaahatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

Allaahanis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota shamaayʼun irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.

Rabbii Allaahan, Allaahan, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.

Dubartittiidhaanis akkana jedhe;

"Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa;

ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa.

Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa;

innis sirratti ol aantummaa qabaata."

Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu. Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalataatii; wanni hundi garuu Allaah biraa argama.

Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihiitiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Al-Masiihiin Fayyisaa waldaa Al-Masiihii ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Al-Masiihiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.

Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi. Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Allaaha hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.

Seja o primeiro