Pular para o conteúdo
Publicidade

Perseguição

Por Bíblia Online

Jesus advertiu que seus seguidores seriam perseguidos pelo mundo. Mas a perseguição não é sinal de fracasso — é sinal de fidelidade. Bem-aventurados os que sofrem por causa da justiça.

Perseguição como marca do discípulo

Jesus disse: se o mundo vos odeia, sabei que antes de vós odiou a mim. Todo o que quer viver piedosamente será perseguido.

Addunyaan Barattoota Jibbuu Isaa

"Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa.

Dhugumaanuu namni Al-Masiihi Iisaadhaan nama Allaaha taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama;

Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;

mootummaan shamaayʼun kan isaaniitii.

"Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha.

Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban,

yommuu isaan of keessaa isin baasanii fi isin arrabsan,

yommuu isaan maqaa keessan akka waan hamaa tokkootti tuffatan,

isin eebbifamoo dha.

Recompensa na perseguição

Os perseguidos por causa de Cristo receberão grande galardão no céu. Quem perde por amor ao evangelho receberá cem vezes mais.

Iisaanis deebisee akkana jedheen; "Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi injiilaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu, kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru.

Jaalala Al-Masiihii irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee?

Ani waaʼee Al-Masiihiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.

Amor e confiança em meio à adversidade

A Bíblia nos ensina a amar nossos perseguidores, abençoar os que nos maldizem e confiar que nossos tempos estão nas mãos de Deus.

Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis duʼaa godhaa;

Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.

Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa,

warra na ariʼatan harkaas na baasi.

Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee

ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;

uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Ibliis diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.

Anis lafatti kufeen sagalee, Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta? naan jedhu tokkon dhagaʼe.

Seja o primeiro