Planejamento
O planejamento é sábio, mas deve sempre se submeter à vontade de Deus. A Bíblia ensina que devemos planejar com prudência, mas confiar que Deus dirige nossos passos.
Planejar com sabedoria
Contar nossos dias nos ensina a ter coração sábio. O planejamento prudente é elogiado na Escritura como expressão de bom senso.
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,
bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
"Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?
Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu;
garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
Waan hojjettu hunda Rabbii Allaahatti kennadhu;
karoorri kees siif milkaaʼa.
Jecha saddeettaffaa
Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin;
of qabuufis ogummaa qabaadhu.
Deus dirige os passos
O coração do homem planeja, mas a resposta certa vem do Senhor. Seus caminhos são mais altos que os nossos, e seus planos prevalecem.
Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata;
Rabbii Allaahan garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;
garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Rabbii Allaah ti.
"Yaadni koo yaada keessan,
karaan keessanis karaa koo miti"
jedha Rabbii Allaahan.
"Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,
karaan koo karaa keessan irraa,
yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
Wanni kun hundinuu Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu,
isa mariidhaan dinqisiisaa,
ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa.
Confiança no plano de Deus
Os planos do Senhor são de paz e esperança. Ele revela seus segredos aos seus servos e guia com fidelidade cada caminho confiado a Ele.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.
Dhugumaan Rabbii Allaahan Gooftaan
utuu tajaajiltoota isaa nabiiʼiyyootatti hin mulʼisin
waan tokko illee hin hojjetu.
Hawwii garaa keetii siif haa kennu;
karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
Ani waanan si amanadheef,
akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.
Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,
karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
Wanni Hundinuu Yeroo Qaba
Wanni hundinuu yeroo qaba;
hojiin shamaayʼuniidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Allaahan garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera.
Hafuurri wantoota hunda, wantoota Allaaha kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora.
Nama dabaatti hin hinaafin;
yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
Rabbii Allaahan nama jalʼaa ni jibbaatii;
nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.