Reino dos céus
O Reino dos Céus é comparado por Jesus a tesouros, sementes e redes. Através de parábolas, Ele revelou os mistérios de um Reino que já está entre nós, mas que se consumará na eternidade.
O valor incomparável do Reino
O Reino dos Céus é como um tesouro escondido ou uma pérola de grande valor. Quem o encontra, vende tudo para possuí-lo.
Fakkeenya Qabeenya Dhokfameetii fi Lulaa
"Mootummaan shamaayʼun qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
"Akkasumas mootummaan shamaayʼun daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.
Fakkeenya Raacitiitii fi Sanyii Sanaaficaa
Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan shamaayʼun sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata. Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu."
Amma illee akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan shamaayʼun raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata."
Parábolas do Reino
Jesus ensinou sobre o Reino mediante parábolas que revelam seu crescimento, seu juízo e a separação final entre justos e injustos.
Fakkeenya Aramaa
Iisaan akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan shamaayʼun nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata. Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme. Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.
"Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.
"Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe.
"Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.
"Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa. Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, "Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa" jedhee isaanitti nan hima.’ "
Hiikkaa Fakkeenya Inkirdaadaa
Iisaanis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, "Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi" jedhaniin.
Innis akkana jedhee deebise; "Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti. Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti; diinni inkirdaada facaase immoo ibliis dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo malaʼikkoota Allaaha ti.
"Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ilmi Namaa malaʼikkoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu. Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa. Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.
Fakkeenya Kiyyoo
"Akkasumas mootummaan shamaayʼun kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata. Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan. Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Malaʼikkoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu; boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa."
Quem herda o Reino
Os humildes, os pobres de espírito e as crianças são herdeiros do Reino. Mas é difícil para os ricos entrarem nele.
"Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;
mootummaan shamaayʼun kan isaaniitii.
Warri gaddan eebbifamoo dha;
jajjabina ni argatuutii.
Warri garraamiin eebbifamoo dha;
lafa ni dhaaluutii.
Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;
isaan ni quufuutii.
Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha;
araara ni argatuutii.
Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;
Allaah ni arguutii.
Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;
ijoollee Allaaha ni jedhamuutii.
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;
mootummaan shamaayʼun kan isaaniitii.
"Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan shamaayʼun keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan nabiiʼiyyoota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
Nama Mootummaa Shamaayʼun Keessatti Nama Hunda Caalu
Yeruma sana barattoonni gara Iisaa dhufanii, "Yoos mootummaa shamaayʼun keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.
Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala.
Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.
Iisaanis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa shamaayʼuniitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha. Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Allaahatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata."
Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, "Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?" jedhanii gaafatan.
Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Allaahan akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?
Garuu qulqulloonni Allaah Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
Buscar o Reino acima de tudo
Jesus ensinou que devemos buscar primeiro o Reino e sua justiça. Nem todo que diz 'Senhor, Senhor' entrará — só quem faz a vontade do Pai.
"Nama fedhii Abbaa koo isa shamaayʼun irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa shamaayʼuniitti hin galu.
Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa shamaayʼun keessatti guddaa jedhama. Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan.
"Egaa akkana jedhaa duʼaa godhadhaa:
" ‘Yaa Abbaa keenya kan shamaayʼun irra jirtu,
maqaan kee haa qulqullaaʼu;
mootummaan kee haa dhufu;
fedhiin kee akkuma shamaayʼun irratti taʼe sana,
lafa irrattis haa taʼu.
Lallaba Yahyaa
Bara sana Yahyaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; innis, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhe.
Iisaan yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.
Yommuu dhaqxanittis, ‘Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa.
Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Ibraahim, Yisihaaqii fi Yaaʼikuub wajjin mootummaa shamaayʼun keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yahyaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa shamaayʼun keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala. Mootummaan shamaayʼun bara Yahyaatii jalqabee hamma ammaatti humnaan dhiibbachaa jira; namoonni dhiibbatanis humnaan mootummaa sana argatu.
A herança eterna
O Reino dos Céus é inabalável e eterno. Deus nos chama a fazer firme a nossa vocação e eleição para entrar nesse Reino.
Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Allaah haa waaqeffannu; "Allaahan keenya ibidda gubee balleessuudhaatii."
Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;
waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,
surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;
bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.
Rabbii Allaahan dubbii isaa hundaan amanamaa dha;
hojii isaa hundaanis arjaa dha.
Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan; akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti galuun guutummaatti isiniif kennama.
Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan shamaayʼuniiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
"Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Al-Masiihii fi kan Allaaha keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.