Reino
O Reino de Deus é o tema central da pregação de Jesus. Desde o início de seu ministério, Ele proclamou: 'Arrependei-vos, porque é chegado o Reino dos céus.'
O anúncio do Reino
Jesus inaugurou seu ministério proclamando a chegada do Reino. Ele convida todos ao arrependimento e à fé nessa nova realidade.
Iisaan yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.
Innis, "Barri sun gaʼeera; mootummaan Allaahas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii injiilatti amanaa!" jedhe.
Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Allaaha isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa.
Miilli warra injiila fidanii,
kan nagaa labsanii,
kan oduu gammachiisaa fidanii,
kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,
"Allaahan kee moʼeera!" jedhanii
tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!
A natureza do Reino
O Reino de Deus é governo soberano do Senhor sobre todas as coisas. Ele é o Rei eterno, imortal e invisível.
Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Allaah tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.
Rabbii Allaah sababii wanni shamaayʼun fi
lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,
ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.
Rabbii Allaah mootummaan kan kee ti;
ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
Mootiin ulfinaa kun eenyu?
Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu sun,
inni Mootii ulfinaa ti.
Rabbii Allaahan abbaa murtii keenyaatii;
Rabbii Allaahan seera nuuf kenna;
Rabbii Allaahan mootii keenya;
inni nu fayyisa.
Rabbii Allaahan guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas Rabbii Allaahan tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.
Entrar no Reino
Para entrar no Reino é preciso nascer de novo, tornar-se como criança e buscar primeiro a justiça de Deus acima de tudo.
Iisaanis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Allaaha arguu hin dandaʼu" jedheen.
Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Allaahatti galuu hin dandaʼu.
Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;
mootummaan shamaayʼun kan isaaniitii.
Ani furtuu mootummaa shamaayʼun siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu shamaayʼun irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu shamaayʼun irrattis ni hiikama."
Cidadãos do Reino
Os cristãos são concidadãos dos santos e membros da família de Deus, chamados a viver dignamente do Reino que receberam.
Kanaafuu isin siʼachi saba Allaaha wajjin lammii fi miseensota warra mana Allaaha jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti; isin hundee ergamootaa fi nabiiʼiyyootaa irratti ijaaramtaniirtu; Al-Masiihi Iisaan ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
"Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Allaahatii fi luboota Al-Masiihii taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
Isin akka jalʼoonni mootummaa Allaaha hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Allaaha hin dhaalan.