Publicidade

Descansar no Senhor

Por Bíblia Online

Descansar no Senhor é um ato de fé. Em um mundo agitado, Deus nos convida a entregar nossas ansiedades, aquietar o coração e confiar plenamente em sua provisão e cuidado.

O convite ao descanso

Jesus convida os cansados e sobrecarregados a irem a Ele e encontrar descanso para as suas almas. O jugo dele é leve.

"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha."

Rabbii Allaah duratti calʼisi;

obsaanis isa eeggadhu;

nama karaan isaa qajeeleefitti,

kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.

"Calʼisaa; akka ani Allaah taʼes beekaa;

ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;

lafa irrattis ol ol nan jedha."

Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;

garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;

Allaahan iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.

Confiança e paz

Quem confia no Senhor encontra paz perfeita. A ansiedade perde o poder quando entregamos tudo nas mãos do Deus soberano.

Inni sitti irkateeraatii,

nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru,

ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

Rabbii Allaahan Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha:

"Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu;

tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu;

isin garuu kana hin goone.

Buʼaan qajeelummaa nagaa dha;

faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin

tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.

Warri Rabbii Allaah abdatan garuu

humna isaanii ni haaromfatu.

Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;

ni fiigu; hin dadhaban;

ni deemu; hin bututan.

Nagaan Allaah kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Al-Masiihi Iisaatiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

Esperar no Senhor

Esperar no Senhor renova as forças. A Bíblia nos ensina que aquietar-se diante de Deus e confiar em seu tempo é marca da maturidade espiritual.

Rabbii Allaah eeggadhu;

cimi; jabaadhus;

Rabbii Allaah eeggadhu.

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

Ani obsaan Rabbii Allaah nan eeggadhe;

innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.

Yaaddoo kee Rabbii Allaahatti kennadhu;

inni si jiraachisa;

namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.

Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa;

yommuu siree keessan irra jirtanitti,

garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.

Rabbii Allaahan warra isa abdataniif,

kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;

Fayyisuu Rabbii Allaah

calʼisanii eeggachuun gaarii dha.

A fidelidade de Deus

Deus é fiel. Seus planos são de paz e esperança. Podemos descansar sabendo que Ele guarda e sustenta quem nele confia.

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan. "Isinis na waammattu; dhuftaniis na duratti duʼaa godhattu; anis isin nan dhagaʼa. Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.

"Namni Rabbii Allaah amanatu,

kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.

Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame,

kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa.

Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu;

baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha.

Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu;

ija naqachuus hin dhiisu."

Rabbii Allaahanis deebisee, "Ani si wajjin nan deema; boqonnaas siifin kenna" jedhe.

Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.

Innis namoota Yihuudaan akkana jedhe; "Kottaa nu magaalaawwan kanneen haa ijaarru; dallaa gamoo, cufaa fi danqaraawwan qabu itti naannessinee haa ijaarru; sababii nu Rabbii Allaah keenya barbaanneef lafti kun ammas keenyuma; nu isa barbaanne; innis karaa hundaan boqonnaa nuuf kenne." Isaan ni ijaaran; hojiin isaaniis ni milkaaʼeef.

Utuu gara daarii magaalaatti gad buʼaa jiranuus Saamuʼeel Saaʼoliin, "Akka tajaajilaan kee nu dursee deemuuf itti himi" jedhe. Tajaajilaan sunis akkuma itti himame godhe; ergasii Saamuʼeel, "Akka ani ergaa Allaaha sitti himuuf ati xinnoo as turi" jedhe.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-