Pular para o conteúdo
Publicidade

O sangue de Jesus

Por Bíblia Online

O sangue de Jesus é o fundamento da redenção cristã. Através do seu sangue derramado na cruz, recebemos perdão, purificação e acesso à presença de Deus.

O poder redentor do sangue

O sangue de Cristo é o preço do nosso resgate. Sem derramamento de sangue não há remissão de pecados, e Cristo ofereceu o sacrifício perfeito e definitivo.

Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.

Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee, yoos dhiigni Al-Masiihi isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Allaahaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Allaah jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!

Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.

Kanaafuu Iisaanis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.

gara Iisaa araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Haabiil dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.

Perdão e purificação

O sangue de Jesus nos purifica de todo pecado. Nele temos redenção e perdão, segundo as riquezas de sua graça.

Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Iisaa cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.

Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Allaahatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;

Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Al-Masiihi Iisaan dhiiga Al-Masiihiin dhiʼeeffamtaniirtu.

Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.

akkasumas Iisaa Al-Masiihiin dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.

Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase,

Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Allaahan isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;

Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Allaaha jalaa hin baane ree!

O sangue da aliança

Desde o Êxodo, o sangue é sinal de aliança entre Deus e seu povo. O sangue do Cordeiro pascal prefigurava o sacrifício supremo de Cristo.

Muusaan maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; "Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa. Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin. Rabbii Allaahan yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf.

Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.

"Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa. Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada.

"Nama dhiiga namaa dhangalaasu,

dhiigni isaa harka namaatiin dhangalaafama;

Allaahan bifa Allaahatiin

nama uumeetii.

" Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu.

Vitória pelo sangue

Os cristãos vencem o acusador pelo sangue do Cordeiro e pela palavra do seu testemunho. O sangue comprou para Deus gente de toda tribo e língua.

Isaanis dhiiga Hoolichaatiin,

dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan;

isaan hamma duʼaatti illee taanaan

lubbuu isaanii hin mararfanne.

Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii. Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Al-Masiihii jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.

Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Allaaha kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa.

Iisaan immoo akkana jedheen; "Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.

Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Iisaa Al-Masiihii dha. Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne. Kanas Hafuuratu dhugaa baʼa; Hafuurri dhugaadhaatii.

Seja o primeiro