Publicidade

Santidade

Por Bíblia Online

A santidade é o chamado supremo de Deus para o seu povo. 'Sede santos, porque eu sou santo' — essa ordem ressoa por toda a Escritura, convidando-nos a uma vida separada para Deus.

O chamado à santidade

Deus nos escolheu antes da fundação do mundo para sermos santos. A santificação é sua vontade expressa e nosso destino em Cristo.

Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; "Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa" jedhamee barreeffameeraatii.

Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; "Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa" jedhamee barreeffameeraatii.

Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis

Fedhiin Allaaha akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; kunis akka ormoota Allaah hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin; waan kanaanis namni tokko iyyuu obboleessa isaa hin miidhin yookaan hin gowwoomsin. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne sana, Gooftaan warra cubbuu akkasii hojjetan hunda haaloo baʼa. Allaahan akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii.

Allaahan sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Al-Masiihi Iisaatiin nuu kenname;

O Deus santo

O Senhor é santo em toda a sua natureza. O universo testemunha sua santidade, e os anjos proclamam: Santo, Santo, Santo.

Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha;

ati galata Israaʼel.

"Qulqulluun akka Rabbii Allaah tokko iyyuu hin jiru;

si malees eenyu iyyuu hin jiru;

kattaan akka Allaah keenyaa tokko iyyuu hin jiru.

Inni guddaanii fi ol ol jedhe,

kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha:

"Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha;

hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf,

garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi

kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.

Kanaanis guddinaa fi qulqullina koo nan argisiisa; fuula saboota baayʼee durattis of nan beeksisa; ergasii isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.

Ani qulqullina maqaa koo guddichaa kan saboota gidduutti xuraaʼe kan isin saboota gidduutti xureessitan sana nan argisiisa. Yommuu ani karaa keessaniin fuula isaanii duratti qulqulluu taʼuu koo argisiisutti akka ani Rabbii Allaah taʼe saboonni ni beeku, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.

A prática da santidade

A santidade se expressa em pensamentos puros, ações corretas e separação do pecado. É um processo contínuo de purificação e dedicação a Deus.

Akeekkachiisa

Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.

Akeekkachiisa

Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.

Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Allaah sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.

Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Allaah sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.

Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Allaaha taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.

Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa.

Aarsaa Jiraataa

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.

Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa.

Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Allaaha biratti hin barbaachisuutii.

Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Allaaha biratti hin barbaachisuutii.

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Allaahatiin uumame sana uffadhaa.

Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Allaahatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan. Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Al-Masiihiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera; kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii injiilaa irraa hin sochoone taʼa. Injiilli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma shamaayʼun gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis injiiluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.

A Palavra que santifica

Jesus disse: 'Santifica-os na verdade; a tua palavra é a verdade.' A Bíblia é o instrumento de Deus para nos purificar e transformar.

Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.

Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?

Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.

Yaa Allaah, na sakattaʼi; garaa koos beeki;

qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.

Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali;

karaa bara baraa irras na adeemsisi.

Zabuurii Daawud.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Templo do Espírito Santo

Nosso corpo é templo de Deus. Devemos honrá-lo com santidade, guardando mente e coração e buscando a semelhança com Cristo.

Isin akka mana qulqullummaa Allaaha taatanii fi akka Hafuurri Allaaha isin keessa jiraatu hin beektanii?

Gara waldaa Allaaha ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Al-Masiihii Iisaadhaan qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti:

Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.

Gad Of qabuu Al-Masiihii Duukaa Buʼuu

Kanaafuu gorsa Al-Masiihiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa. Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.

Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.

Inni utuma bifa Allaahatiin jiruu,

wal qixxummaa Allaah wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;

qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee

fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.

Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,

gad of deebise;

duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!

Kanaafuu Allaahan akka malee ol isa qabe;

maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.

Kunis akka jilbi hundinuu shamaayʼunii fi lafa irratti,

lafa jalattis, maqaa Iisaaf jilbeenfatuuf.

Akka arrabni hundinuus ulfina Allaah Abbaatiif jedhee

Iisaa Al-Masiihiin Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

Waan Hunda Guungummii Malee Hojjechuu

Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa; akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Allaahatii.

Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Allaaha warra yakka hin qabnes taataniif, yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Al-Masiihiitti of jajuu nan dandaʼa. Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada. Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.

Xiimotewosii fi Afroodiixuu

Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Iisaa nan abdadha. Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu. Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Iisaa Al-Masiihiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii. Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii injiilaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu. Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha. Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha.

Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata. Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira. Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Allaahan garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera. Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa. Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa; inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Al-Masiihiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.

Akkuma abbaan keessan inni shamaayʼun irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.

Ibsaa fi Baattuu Isaa

"Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee okkotee keessa hin dhoksu yookaan siree jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa arguu dandaʼaniif baattuu ibsaa irra kaaʼu.

Akka lubbuudhaan jiraattaniif

waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa.

Yoos akkuma isin jettan sana

Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.

"Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Namni utuu itti hin yaadin, "Wanni kun Allaahaf qulqulleeffameera" jedhee

ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.

Sababii ani Rabbii Allaahan qulqulluu taʼee fi akka isin kan koo taataniifis saboota kaan irraa addaan isin baaseef, isin qulqulloota naaf taʼaa.

Sababii ani Rabbii Allaahan qulqulluu taʼee fi akka isin kan koo taataniifis saboota kaan irraa addaan isin baaseef, isin qulqulloota naaf taʼaa.

" Of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa; ani Rabbii Allaah keessaniitii.

Allaahaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Rabbii Allaah dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

Allaahan warra abbaa hin qabneef abbaa,

niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun

iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-