Saúde
A saúde é uma bênção de Deus. A Bíblia ensina que Deus é nosso curador, que devemos cuidar do corpo como templo do Espírito e que a alegria do Senhor renova nossas forças.
Deus, o nosso curador
O Senhor é quem sara todas as nossas doenças. Ele prometeu abençoar o pão e a água e tirar as enfermidades do meio do seu povo.
Rabbii Allaah kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;
Warra garaan cabe ni fayyisa;
madaa isaaniis walitti hodha.
Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.
Iisaan immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; "Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
O corpo como templo
Nosso corpo é templo do Espírito Santo. A Bíblia nos encoraja a cuidar da saúde física com disciplina e reverência a Deus.
Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Allaah irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Allaahaf ulfina kennaa.
Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Allaahatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada.
Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf duʼaa nan godha.
Ani ogeessa ofiin hin jedhin;
Rabbii Allaah sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna;
lafee kee illee ni haaromsa.
A alegria que cura
O coração alegre é bom remédio. A esperança do coração traz alegria, e as palavras agradáveis são como favo de mel — doçura para a alma e saúde para o corpo.
Garaan gammadu qoricha gaarii dha;
hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti;
inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;
hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.
Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;
sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef
dhagna kee keessaa hammina baasii gati.