Seguir a Jesus
Seguir a Jesus é o convite mais transformador da Bíblia. Jesus chamou pescadores, cobradores de impostos e pessoas comuns para deixar tudo e segui-lo. Esse chamado continua vivo hoje.
O chamado de Jesus
Jesus disse: 'Segue-me'. Esse convite simples e poderoso mudou a vida de pescadores, publicanos e pessoas comuns ao longo da história.
Iisaanis, "Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga" jedheen. Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
Iisaan achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, "Na duukaa buʼi" jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe.
Iisaanis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade. Innis Fiiliphoosin argee, "Na duukaa buʼi" jedheen.
Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Iisaadhaan, "Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa" jedhe.
Iisaanis deebisee, "Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu" jedhe.
Nama biraatiinis, "Na duukaa buʼi!" jedhe.
Namichi garuu, "Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo qabbaradhu naa eeyyami" jedhee deebise.
Iisaanis, "Warri duʼan duʼaa isaanii haa qabbaratan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Allaaha lallabi" jedheen.
Ammas namni biraa, "Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami" jedhe.
Iisaanis deebisee, "Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Allaahatiif hin malu" jedhe.
O custo do discipulado
Seguir a Jesus exige renúncia. É preciso tomar a cruz diariamente, deixar tudo para trás e amar a Cristo acima de qualquer outro vínculo.
Ergasii Iisaan barattoota isaatiin akkana jedhe; "Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
"Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu. Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
Kana irratti Phexros, "Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra!" jedhe.
Iisaanis deebisee akkana jedheen; "Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi injiilaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu, kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru. Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa, warri dhumaa immoo warra jalqabaa ni taʼu."
Caminhar com Cristo
Quem segue a Jesus não anda em trevas, mas tem a luz da vida. Ele nos convida a crescer nele e a servir como Ele serviu.
Iisaan ammas, "Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu" jedhee isaanitti dubbate.
Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Al-Masiihiin akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.
"Inni cubbuu hin hojjenne;
sobni afaan isaatii hin baane."
Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.
Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Al-Masiihii dha.
Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani Rabbii Allaah keessanii dha.