Temor do Senhor
O temor do Senhor é o princípio da sabedoria. Não se trata de medo, mas de reverência profunda, respeito e admiração diante da santidade e grandeza de Deus.
O princípio da sabedoria
A Escritura afirma que temer ao Senhor é o primeiro passo para a verdadeira sabedoria. Quem teme a Deus discerne o certo e aprende a viver com prudência.
Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.
Galanni isaa bara baraan jiraata.
"Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
Rabbii Allaah sodaachuun ogummaa nama barsiisa;
gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
Ergasii ilmaan namaatiin,
"Gooftaa sodaachuun ogummaa;
waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha" jedhe.
Rabbii Allaah sodaachuun qulqulluu dha;
bara baraan jiraata.
Murtiin Rabbii Allaah dhugaa dha;
walumaa galattis qajeelaa dha.
Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame
caalaa iyyuu gatii qabeessa;
inni damma caalaa,
nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.
Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama;
isa eeguunis gatii guddaa qaba.
Bênçãos do temor
Quem teme ao Senhor encontra vida longa, provisão e proteção. O temor de Deus nos guarda do mal e nos conduz à humildade.
Gad of qabiisnii fi Rabbii Allaah sodaachuun,
qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
Rabbii Allaah sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa;
umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
Rabbii Allaah sodaachuun burqaa jireenyaa ti;
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata;
Rabbii Allaah sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
Namni yeroo hunda Rabbii Allaah sodaatu eebbifamaa dha;
kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
Akka Rabbii Allaahan gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Isin qulqulloonni isaa Rabbii Allaah sodaadhaa;
warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
Vivendo no temor do Senhor
Temer ao Senhor é obedecer seus mandamentos, andar em seus caminhos e amá-lo de todo coração. Essa reverência se expressa em justiça e integridade.
Rabbii Allaah keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan Rabbii Allaah keetii eegi.
Sodaadhaan Rabbii Allaah tajaajilaa;
hollachaas gammadaa.
Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;
anis Rabbii Allaah sodaachuu isinan barsiisa.
Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis
bara baayʼee hawwu eenyu?
Arraba kee waan hamaa irraa,
afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;
nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
Rabbii Allaah sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Rabbii Allaah keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa."
" ‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Allaah kee sodaadhu. Ani Rabbii Allaah.
Wal hin cunqursinaa; garuu Allaah sodaadhaa. Ani Rabbii Allaah keessan.
" ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee isin gidduutti of gargaaruu dadhabe, akka inni isin gidduu jiraachuu dandaʼuuf akkuma alagaa yookaan keessummaa tokko gargaartutti isa gargaar. Akka namni sun si wajjin jiraachuu dandaʼuuf Allaah kee sodaadhu malee dhala tokko iyyuu isa irraa hin fudhatin.
"Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee jahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa.