Temor dos homens
O temor dos homens é uma armadilha que paralisa a fé. A Bíblia nos convida a trocar o medo humano pela confiança em Deus, que é nosso refúgio e escudo.
Não temas os homens
Deus é a nossa luz e salvação — de quem teremos medo? A Escritura nos encoraja a não temer aqueles que podem destruir o corpo, mas não a alma.
Rabbii Allaahan ibsaa kootii fi fayyina koo ti;
ani eenyunan sodaadha?
Rabbii Allaahan daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
Namoonni hamoon yommuu
foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,
diinonni koo fi amajaajonni koo
yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
Yoo duulli na marse illee,
garaan koo hin sodaatu;
yoo waraanni natti baname illee
ani hin raafamu.
Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa jahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
"Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee jahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa.
Confiança em Deus acima do medo
Quando tememos a Deus, o medo dos homens perde o poder. O Senhor está conosco, e se Ele é por nós, quem será contra nós?
Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
Allaah ani dubbii isaa jajadhu,
Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.
Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
Rabbii Allaahan na wajjin jira; ani hin sodaadhu;
namni maal na gochuu dandaʼa?
Kanaaf nu ija jabinaan,
"Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.
Namni maal na gochuu dandaʼa?" jenna.
Isin isaan hin sodaatinaa; Rabbii Allaahan keessan mataan isaa isiniif lolaatii."
Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.