Publicidade

Tentação

Por Bíblia Online

A tentação faz parte da jornada cristã, mas Deus é fiel e não permite que sejamos tentados além do que podemos suportar. Em Cristo, temos poder para resistir e vencer.

A realidade da tentação

Jesus foi tentado em tudo como nós e compreende nossas lutas. A Bíblia nos ensina que a tentação não é pecado — o pecado está em ceder a ela.

Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.

achittis guyyaa afurtama ibliisiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe.

Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, "Allaahatu na qoraa jira" hin jedhin. Allaahan hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;

amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.

O escape providenciado

Deus sempre providencia uma saída. Não precisamos cair, pois Ele nos dá forças para resistir e promete nos livrar da provação.

Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Allaahanis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.

wanni kun akkas taʼee Gooftaan akkamitti akka warra Allaahaf bulan qorumsa keessaa baasuu fi akka itti warra jalʼaa hamma guyyaa murtiitti adabbiif tursu beeka.

Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.

Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.

Ameen.

Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha;

argansuun koo si duraa hin dhokatu.

Vigilância e resistência

A Palavra de Deus, a oração e a vigilância são nossas armas contra a tentação. Vigiar e orar é o conselho do próprio Jesus.

Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa duʼaa godhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha."

Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.

Innis itti fufee akkana jedhe: "Wanni nama xureessuwaan nama keessaa baʼuu dha. Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja, doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa. Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ni xureessu.’ "

Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu

Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.

Namni ibidda cilee irra ejjetee

miilli isaa hin gubanne jiraa?

Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Allaahan warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-