Publicidade

Transformação

Por Bíblia Online

A transformação é o fruto natural de uma vida entregue a Deus. Ele não nos deixa como nos encontra — renova nossa mente, purifica nosso caráter e nos conforma à imagem de Cristo.

O chamado ao arrependimento

A transformação começa com o arrependimento genuíno. Deus convida cada pessoa a voltar-se para Ele de todo o coração e receber vida nova.

Iisaan yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.

Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.

Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Allaahatti deebiʼaa;

Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin

garaa keessan tarsaasaa.

Gara Rabbii Allaah keessaniitti deebiʼaa;

inni arjaa fi gara laafessaatii;

inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;

inni badiisa erguu irraa of qusata.

Renovação da mente

Paulo nos exorta a não nos conformar com o mundo, mas a sermos transformados pela renovação do entendimento. A mudança vem de dentro para fora.

Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.

Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.

Os frutos da transformação

Uma vida transformada produz o fruto do Espírito: amor, alegria, paz, paciência, benignidade, bondade, fidelidade, mansidão e domínio próprio.

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

Gargar Baʼuu Waldaa Kiristaanaa

Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin isin kadhadha.

Gooftaan garaa keessan gara jaalala Allaahatii fi gara obsa Al-Masiihiitti haa qajeelchu.

Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Al-Masiihiin cubbamootaaf jedhee duʼe.

garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa."

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-