Publicidade

Valioso

Por Bíblia Online

Cada ser humano é precioso aos olhos de Deus. As Escrituras revelam que fomos criados à imagem divina, resgatados por alto preço e chamados para um propósito eterno.

O valor que Deus nos dá

Nosso valor não vem de conquistas ou aparências, mas do fato de sermos amados pelo Criador. Deus cuida até dos passarinhos — quanto mais de nós!

Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu. Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera. Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha."

Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Allaahan hin irraanfatu. Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

Mee simbirroota shamaayʼun ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?

Preciosos aos olhos de Deus

O Senhor declara que somos preciosos e valiosos aos seus olhos. Ele nos chama de propriedade exclusiva e nos reveste de glória.

Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef,

anis waanan si jaalladhuuf,

qooda kee namoota

qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.

Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee,

Ulfina Xiyoon

"Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi;

ulfinni Rabbii Allaah siif baʼeera.

O verdadeiro valor

A Bíblia nos ensina que a fé, a integridade e o caráter são mais valiosos que ouro ou prata. O que tem valor eterno transcende o material.

Al-Masiihi Iisaatti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.

Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin;

morma keetti hidhadhu;

gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.

Ati karaa kanaan fuula Allaahatii fi

fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.

Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha;

garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.

Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?

Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.

Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Iisaa natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis injiila ayyaana Allaahatiif dhugaa baʼuu dha.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-