Viúvas
A Bíblia revela um cuidado especial de Deus pelas viúvas. Ao longo das Escrituras, encontramos mandamentos claros de proteção, justiça e compaixão, refletindo o caráter amoroso do Senhor.
A proteção divina
Deus se apresenta como defensor das viúvas, garantindo que não fiquem desamparadas. Ele acolhe os que sofrem e sustenta os que perderam seu amparo terreno.
Allaahaf faarfadhaa;
faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;
isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;
maqaan isaa Rabbii Allaah dha;
fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
Allaahan warra abbaa hin qabneef abbaa,
niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun
iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
Rabbii Allaahan alagaadhaaf eegumsa ni godha;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi
dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;
karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.
ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu,
nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.
Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera;
ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.
Justiça e compaixão
A Palavra ordena que seu povo pratique a justiça, protegendo os mais frágeis e defendendo a causa dos necessitados.
Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni;
mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi."
"Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa. Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’
"Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa. Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa. Aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaanan isin fixa; niitonni keessan haadhota hiyyeessaa taʼu; ijoolleen keessanis kanneen abbaa hin qabne taʼu.
waan qajeelaa hojjechuu baradhaa!
Murtii qajeelaa barbaadaa;
warra hacuucame jajjabeessaa.
Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa;
haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
O chamado da Igreja
No Novo Testamento, o cuidado com as viúvas é expressão genuína da fé cristã. Tiago declara que a religião pura inclui visitar os necessitados.
Amantaan Allaah Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.
Haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan kabaji.