7 Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi’ii ossadha’a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni? 8 Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana12:8Baana: Baana’a malee ijoolle’ee moti. 9 Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru’uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu’uu mallee motii ree? 10 Abbootiin teenna yennaa diqqo’oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu’aa teennaaf nu adaba.