2Warra imaanaan itti kenname sanas amanamoo taʼuutu irraa eegama.
9Waaqni, nu ergamoota akka namoota duuti itti murtaaʼeetti waan dhuma hiriiraa nu taasise natti fakkaataatii. Nu addunyaa duratti, ergamootaa fi namoota durattis waan daawwatamu taaneerra.
21Isin maal barbaaddu? Ani ulee qabadhee moo jaalalaa fi hafuura gad of qabuutiin gara keessan dhufa?