Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaayyaas 56

Fayyina Warra Kaaniif Kenname

1 Waaqayyo akkana jedha:

Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi

qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf,

"Murtii qajeelaa eegaa;

waan qajeelaas hojjedhaa.

2 Namni waan kana hojjetu,

kan waan kanattis cimu,

kan Sanbata utuu hin xureessin eeguu fi waan hamaa kam iyyuu

hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha."

3 Alagaan Waaqayyotti cichee tokko,

"Waaqayyo dhugumaan saba isaa irraa addaan na baasa" hin jedhin.

Xuʼaashiin kam iyyuus,

"Ani mukuma gogaadha" ofiin hin jedhin.

4 Waaqayyo akkana jedhaatii:

"Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan,

kanneen waan na gammachiisu

filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,

5 ani mana qulqullummaa kootii fi

dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa

ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf;

ani maqaa bara baraa

kan hin haqamne isaaniif nan kenna.

6 Alagoota isa tajaajiluuf,

maqaa Waaqayyoo jaallachuuf,

isa waaqeffachuuf

Waaqayyotti cichan

kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi

kakuu koos cimsanii eegan hunda,

7 ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida;

mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna.

Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi,

iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata;

manni koo saboota hundaaf,

mana sagadaa jedhamee waamamaatii."

8 Waaqayyo Gooftaan,

inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha:

"Ani warra duraan walitti qabaman biratti,

warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba."

Waaqni Dura Buʼoota Israaʼel himate

9 Bineensonni dirree hundi,

bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!

10 Eegdonni Israaʼel jaamota,

isaan hundi beekumsa hin qaban;

hundi isaanii saroota duudaa dha;

dutuus hin dandaʼan;

isaan ciisanii abjootu;

rafuus ni jaallatu.

11 Isaan saroota albaadheyyii dha;

nyaataniis hin quufan.

Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha;

hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu;

tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.

12 Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; "Kottaa daadhii wayinii dhugnaa!

Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa!

Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa;

yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa."

Todos os capítulos de Isaayyaas 66
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.