Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaayyaas 62

Maqaa Xiyoon Haaraa

1 Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa,

fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti,

ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu;

waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.

2 Saboonni qajeelummaa kee,

mootonni hundinuus ulfina kee ni argu;

ati maqaa haaraa,

kan afaan Waaqayyoo siif baasuun ni waamamta.

3 Ati harka Waaqayyoo keessatti gonfoo ulfinaa,

harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata.

4 Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu,

yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu.

Ati garuu, "Ani isheetti nan gammada" jedhamta;

biyyi kees "kan heerumte" jedhamti;

Waaqayyo sitti gammadaatii,

biyyi kee ni heerumti.

5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhu,

ilmaan kee si fuudhu;

akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu,

Waaqni kees sitti gammada.

6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera;

isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan.

Isin warri Waaqayyoon waammattan,

ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;

7 hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree

akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa.

8 Waaqayyo akkana jedhee

harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera;

"Ani lammata midhaan kee

nyaata godhee diinota keetiif hin kennu;

namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa

kan ati itti dadhabde hin dhugan;

9 garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu;

Waaqayyoonis ni galateeffatu;

warri ija wayinii guurratanis

oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu."

10 Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa!

Uummataaf karaa qopheessaa.

Tolchaa; karaa guddaa tolchaa!

Dhagaawwan bubuqqisaa.

Sabootaafis faajjii ol qabaa.

11 Waaqayyo akkana jedhee

hamma moggaa lafaatti labseera;

"Intala Xiyooniin akkana jedhaa:

‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa!

Badhaasni isaa kunoo isa harka jira;

beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ "

12 Isaanis Saba Qulqulluu,

Furamtoota Waaqayyoo jedhamanii ni waamamu;

atis barbaadamtuu,

Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.

Todos os capítulos de Isaayyaas 66
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.