Waaʼee Kennaawwan Hafuuraa
1 Yaa obboloota ko, egaa ani akka isin waaʼee kennaawwan hafuuraa wallaaltan hin barbaadu. 2 Isin yeroo ormoota turtanitti akka gowwoomfamtanii gara waaqeffatamtoota tolfamoo dubbachuu hin dandeenyeetti geeffamtanii turtan ni beektu. 3 Kanaafuu namni Hafuura Allaahatiin dubbatu kam iyyuu akka, "Iisaan abaaramaa dha" hin jenne, akka eenyu iyyuu yoo Hafuura Qulqulluudhaan taʼe malee, "Iisaan Gooftaa dha" jechuu hin dandeenye ani isinittin hima.
4 Kennaawwan gosa garaa garaatu jira; Hafuurri garuu tokkuma. 5 Tajaajila gosa garaa garaatu jira; Gooftaan garuu tokkuma. 6 Hojii gosa garaa garaatu jira; waan hundumaa garuu Allaah tokkichatu nama hundumaan hojjeta.
7 Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama.