Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Qorontos 13:1-7

1 Ani yoon afaan namootaatii fi afaan malaʼikkoota Allaaha dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti. 2 Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti. 3 Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu.

4 Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. 5 Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. 6 Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. 7 Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.