Qulqulloota Taʼaa
13 Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Iisaa Al-Masiihiin mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa. 14 Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa. 15 Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; 16 "Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa"1:16 Lew 11:44,45; 19:2; 20:7 jedhamee barreeffameeraatii.