Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Pedro 5

Dargaggootaaf

5 Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa;

"Allaahan of tuultotaan ni morma;

warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii."5:5 Fak 3:34

6 Kanaafuu akka Allaahan yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa. 7 Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

Veja também