Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Qorontos 11:23-30

23 Isaan tajaajiltoota Al-Masiihii? Ani akka nama qalbii dabarseettin dubbadhaatii ani nan caala. Ani caalchisee baayʼee itti dadhabeera; caalchisee yeroo baayʼee hidhameera; caalchisee akka malee garafameera; ammumaa ammas duʼaaf saaxilameera. 24 Harka Yihuudootaattis siʼa shan afurtama jechuu tokko hanquu garafameera. 25 Siʼa sadii uleen dhaanameera; siʼa tokko dhagaadhaan tumameera; siʼa sadii dooniin na jalaa caccabeera; halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana keessa tureera; 26 ani utuun wal irraa hin kutin deemsa irra ture. Balaan lagaa, balaan saamtotaa, balaan saba kootii, balaan Namoota Ormaa, magaalaa keessatti balaan, gammoojjii keessatti balaan, galaana irratti balaan, obboloota sobaa irraas balaan na mudatee ture. 27 Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras. 28 Kana hundumaa caalaa yaaddoo ani waldoota kiristaanaa hundumaaf qabutu guyyaa guyyaan natti ulfaata. 29 Eenyutu dadhabaa dha? Ani hin dadhabuu ree? Eenyutu hin gufanne? Ani aaree hin gubadhuu ree?

30 Ani yoon of jajuu qabaadhe waan dadhabbii koo mulʼisuun of nan jaja.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.