9 "Utuma ani ilaaluu,
"Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman;
Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe.
Uffanni Isaa adii akka cabbii ture;
rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture.
Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa,
geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.
10 Lagni ibiddaa tokko
fuula isaa duraa ni yaaʼa ture.
Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan;
kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan.
Dhaddachi taaʼamee ture;
kitaabonnis banamanii turan.